Naannoo Oromiyaatti eegumsii fi kunuunsi midhaanii karaa qindaa’een gaggeeffamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti eegumsii fi kunuunsi midhaanii karaa qindaa’een gaggeeffamaa jira

Fulbaana 20/2018(TOI)- Naannoo Oromiyaatti hojiin eegumsaa fi kununsa midhaanii humnanamaa fiTeekinooloojiin deeggaramuun hoj-maata qindaa’een gaggeeffamaa jiraachuu Biiroon Qonna Naannichaa beeksise.
Naannichatti Omishaa fi omishtummaa Qonnaa guddisuun nyaataan ofdanda’uurra darbeee Naannichi Dinagdee biyyaarrattii qooda gumachuu qabu sirnaan akka bahu dandeessisuuf bal’inaan hojjetamaa jiru.
Qonna Teekinooloojiin deeggaruun hojjechuurra darbee Inisheetivoota Qonnaa adda addaa bocee hojjechaa jiraachuun qaama tattaaffii kanaati.
Itti Aanaan Biiroo Qonna Naannichaa Obbo Barisoo Fayyisaa TOI’f akka ibsanitti, hojiin kunuunsaa fi eegumsi midhanii bara kanaa rakkoowwan ammaan dura turan Qorannoon adda baasuun hojimaata haaraa bakka buusuun hojjetamaa jira jedhaniiru.
Hojiin eegumsaa fi kunuunsa midhaanii humna namaa fi Teekinooloojiin deeggaramuu ibsuun, keessumaa keemikaalli farra ilbiisotaa fi farra aramaa yeroosaatti dhiheesuun tajaajilaaf oolchuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.
Akka obbo Bariisoon jedhanitti, yeroo ammaa naannolee fi godinaalee midhaan gannaa omishan hundatti raabsii qorichia farra ilbiisotaa fi farra aramaa humna namaa fi Teekinoloojiin deeggaruun bal’inaan hojjetamaa jira.
Kunuunsa midhaaniirratti Qonnaan bulaaf hubannaa kennuurra darbee qaamaan ooyruu qotee bulaa keessatti argamuun deeggarsaa fi hordoffii gaggeessaa jiraachuu ibsaniiru.
Keessumaa qamadii fi garbuu Biiraa kilaastaraan misoome humna namaan waliin gahuun ulfaataa waan ta’ef keemikaala farra aramaa Xiyyaaraan bifamaa jira jedhaniiru.
Kanaanis Godina Arsii aanaalee, Heexosaa, Digaluu fi xiyyoo fi bilbiloo akkasumas, godinina Arsii lixaatti aanaalee Dodolaa, gadab Asaasaa fi Adaabbaatti cheemikaalli farra ilbiisotaa fi farra aramaa xiyyaaraan biifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Naannichatti hanga ammaati waagii keelloo fi dhukkubni mataa qamadii gogsu akka hin uumamne kaasuun, dhukkubichi yoo uumame midhaan guyyaa lama keessatti kan miidhu waan ta’eef ogeeyyiin ooyruu qonnaan bulaa keessa ga’anii hordoffii yeroo yeroo taassiaa jiru jedhaniiru.
Dhiheessii qorichaatii eegalee qophii gahaa fi hojiin deeggarsa hojjetamaa jiraachuurra darbee omishaa fi omishtummaa midhaanii hir’isuu kan danda’an hordofuu fi ariitiin keemikaala biifuun cimee itti fufuu kasaniiru.
Naannoo Oromiyaatti keessumaa yeroo ammaa hoggansi sadarkaa sadarkaan jiru, ogeeyyiinii fi hojjettoonni buufata misoomaa, akkasumas qonnaan bulaan yeroo yerootti ooyruusaatti argamuun duulaan eegumsaa fi kunuunsaa taasisaa jira jedhaniiru.