Izziin Gidduu galeessaa dirqama kennameef gahumsaan bahuun gootummaasaa qabatamaan Mirkaneessaa jira-Letenaal Jeneraal Zawuduu Balaay - ENA Afaan Oromoo
Izziin Gidduu galeessaa dirqama kennameef gahumsaan bahuun gootummaasaa qabatamaan Mirkaneessaa jira-Letenaal Jeneraal Zawuduu Balaay

Fulbaana 19/2018(TOI)-Raayyaa Ittisa Biyyaatti Iizzii gidduugaleessaa dirqamoota kennamaniif gahumsaan bahuun gootummaasaa qabatamaan mirkaneessaa jiraachuu Ajajaa olaanaan Iizzii Gidduugaleessaa Letenaal Jeneraal Zawuduu Balaay ibsaniiru.
Ajaja Izzii Jidduugaleessaa jalatti kan argamau kooriin Gibee 103ffaan Ayyaana Hundeeffamasaa waggaa 4ffaa Godina Wallaga Lixaa Magaalaa Gimbiitti qophii adda addaan kabajaa jira.
Ajajaan Izzii Jiddugaleessaa Letenaal Jeneraal Zawuduu Balaayi, ajajaan olaanaa Izzii lixaa Letenaal Jeneraal Massalaa Masarat, ajajaan humna rippaabilikaanii Meejer Jeneraal Tasfaayee Raggaasaa, ajajaan koorii Gibee 103ffaa Birgaader Jeneraal Jamaal Kadirii fi jiraattonni magaalaa hedduun fi keessummoonni waamaman ayyaana kanarratti argamaniiru.
Ajajaan Izzii Jiddugaleessaa Letenaal Jeneraal Zawuduu Balaayi saganticharratti,
akka jedhanitti Ajaja Jidduugaleessaa dirqamoota kennaman gahumsaan bahuun gootummaasaa qabatamaan mirkaaneessaa jiraachuu dubbataniiru.
Izziin gidduugaleessaa dirqama dhaabbatichi itti kennu hojjechuun olitti, mataasaa akka Joobiraa of haaressaa Iizzii Amansiisaa ta’eera jedhaniiru.
Koorii Gibee 103ffaan ergama itti kenname gootummaan bahaa injifannoo boonsaa galmeessaa jira jedhaniiru.