Faransaay Riifoormii Dinagdee Itiyoophiyaaf deeggarsa gochuushee itti fufti-Ambaasaaddar Aleksiis Laameek - ENA Afaan Oromoo
Faransaay Riifoormii Dinagdee Itiyoophiyaaf deeggarsa gochuushee itti fufti-Ambaasaaddar Aleksiis Laameek

Fulbaana19/2018(TOI)-Faransaay Riifoormii Diinagdee Itiyophiyaan hojjiirra oolchaa jirtuuf deeggarsa gochuushee akka Ittifuftu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Faransaay Aleksiis Laameek ibsan.
Itiyoophiyaan karaa sagantaa Riifoormii Dinagdee Mandhaaleen riifoormii Dinagdee gooroo taassisaa jirti.
Dameelee adda adadaa Abbootii dureeyyii banaa gochuun fooyya’insa Imaammattoota Fiiskaalaa fi Moniitarii, Bulchiinsa liqaa fi naannoo daldalaa fooyyessuun riifoormiiwwan kana keessaatti kan eeramanidha.
Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Faransaay Aleksis Laameek TOI waliin turtii taassisaniin jijiirama guddaa Itiyoophiyaan argisiisaa jirtuu fi adeemsa riifoormii raajeffataniiru.
Faransaay Riifoormii Dinagdee Itiyoophiyaan gochaa jirtuuf deeggarsa taassisuunshee akka ishee boonsu ibsitetti.
Itiyoophiyaan hojjii Invastimantii kallatii alaaf haala mijataa Uumuuf hojii hojjechaa jirtuuf Faransaay Muuxannooshee qoodduu akka feetu Ambaasaaddarri kun dubbataniiru.
Faransaay Itiyoophiyaa waliin tumsa gamlamee kallattii adda addaan qabadu cimsuuf kutannoo qabdi jechuun ibsaniiru.
Biyyisaanii Hariiroo gam-lamee Itiyoophiyaa waliin qabduuf bakka guddaa akka kennitu eeruun, Deeggartuu dhihoo fi michuu Ityiyoophiyaati jechuun dubbataniiru.
Dureeyyiin Faransaay Itiyoophiyaatti qabeenyasaanii invast akka godhanii fi deeggarsa akka taassisan beeksisaniiru.
Itiyoophiyaa fi Faransaay hariisoo dippiloomaasii kan eegalan AL.A. bara 1897 ta’uu odeeffannoon nimul’isa .