Tamsaasa Kallatti:

Kooriin Gibee nagaa mirkaneessuun gamatti hojiilee misoomaa fi tola ooltummaa irratti hirmaachuun ilma biyyaa ta’uusaa mirkaneessa jira.

Fulbaana 19/2018(TOI)- Izzii jiddugaleessaaatti Kooriin Gibee 103ffaan nagaa mirkaneessuun gamatti hojiilee misoomaa fi tola ooltummaa irratti hirmaachuun ilma biyyaa ta’uusaa mirkaneessa jira jedhan ajajaan korii Gibee 103ffaa Birgaader Jeneraal Jamaal Kadira.

Izzii jiddugaleessaa jalatti kan argamu Kooriin gibe 103ffaan ayyaana hundeeffamasaa waggaa afraffaa godina Wallagga Lixaa magaalaa Gimbiitti qophiilee gragaraan kabajaa jira.

Ajajaan Izzii jiddugaleessaa Letenaal Jeneraal Zawuduu Balaayi, ajajaan olaanaa Izzii lixaa Letenaal Jeneraal Massalaa Masarat, ajajaan humna rippaabilikaanii Meejer Jeneraal Tasfaayee Raggaasaa, ajajaan koorii Gibee 103ffaa Birgaader Jeneraal Jamaal Kadir fi jiraattonni magaalaa hedduun fi keessummoonni waamaman ayyaana kanarratti argamaniiru.

Ajajaan koorii Gibee 103ffaa Birgaader Jeneraal Jamaal Kadir ergaa ayyaana kanarratti dabarsaniin, waggoottan arfan darban Kooriin Gibee injifannoo boonsaa galmeessisuusaa dubbataniiru.

Koorii Gibee dirqama kennameef gootummaan raawwachuun nagaa fi tasgabbii biyyaa mirkaneessa akka jiru ibsanii, godinaalee Wallaggaarraa humnoota farra nageenyaa  qulqulleessuun naannawicha lafa misoomaa gochaa jira jedhaniiru.

Kooriin kun nageenya naannawichaa mirkaneessuun gamattihojiilee misoomaa fi tola ooltummaarratti hirmaachuun ijoollee ummataa ta’uusa mirkaneessaa akka jiru ibsaniiru.

Bulchaan godina Wallagga Lixaa Taliilaa Tarrafaa gamasaaniin, kooriin Gibee 103ffaa nageenyi godinichaa akka mirkanaa’uu fi misooma hawaasaaf gomaacha olaanaa fideera jedhaniiru.

Kooriin kun goota godinichaa fi godinaalee ollaaf nagaa mirkaneesse ta’uu dubbataniiru.

Nagaa bmirkaneessuun gamatti tajaajiloota tola ooltummaa garagaraa irratti hirmaachaa akka jiru ibsanii, raayyaan jaajala ummataaf qabu hojiilee misoomaatiin agarsiiseera jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015