Tamsaasa Kallatti:

Kenniinsa tajaajilaa dhaabbilee mootummaa ammayyaa’aa, si’ataa fi ariifataa gochuuf hojjetamaa jira- Ministira Dr Fitsum Asaffaa

Fulbaana 18/2018(TOI)-Kenniinsa tajaajilaa dhaabbilee mootummaa ammayyaa’aa, si’ataa fi ariifataa gochuuf hojjetamaa jiraachuu Ministirri pilaanii fi misoomaa Dr Fitsum Asaffaa dubbatan.

Bulchaan naannoo Amaaraa Araggaa Kabbadaa, misistirri pilaanii fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa fi hooggantpoonni mootummaa olaanoon biroo wiirtuu tajaajila tokkoo Masoob Magaalaa Bahaar Daaritti hojii eegalchiisaniiru.

Ministirri pilaanii fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa saganticharratti dubbii dubbataniin, rakkoo kenniinsa tajaajilaa akka biyyaatti mul’atu fulla’insaan furuun hojmaata si’ataa diriirsuuf tattaaffiin qindaa’aan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Kana keessaa tokko wiirtuu tajaajila tokkoo Masoob ta’uu kaasanii, bakkeewwan hundatti hojiirra oolaa jira jedhaniiru.

Kenniinsa tajaajilaa dhaabbileen mootummaa kennan ammayyaa’aa, si’ataa fi ariifataa gochuuf hojjetamaa jiraachuu kaasanii, cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru.

Hojiileen riifoormii dameelee hundaan jalqabaman bu’aa qabatamaa fidaa akka jiran kaasanii, hojiileen akkasii cimanii ittifufu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015