Bulchaan naannoo Amaaraa Araggaa Kabbadaa tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob naannichaa eebisanii hojii eegalchiisan - ENA Afaan Oromoo
Bulchaan naannoo Amaaraa Araggaa Kabbadaa tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob naannichaa eebisanii hojii eegalchiisan

Fulbaana 18/2018(TOI)- Bulchaan naannoo Amaaraa Araggaa Kabbadaa tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob naannichaa eebisanii hojii eegalchiisaniiru.
Sagantaan tajaajila wiirtuu tokkoo masoob naannoo Amaaraatti eegalchiisuuf qophaa’e magaalaa Bahaar Daaritti gaggeeffamaa jira.
Bulchaan naannoo Amaaraa Araggaa Kabbadaa dabalatee fi ministirri misoomaa fi pilaanii Dr. Fitsuma Asaffaa akkasumas hooggantoonni federaalaa fi naannoo saganticharratti argamaniiru.
Dabalataanis hooggantoonnii fi ogeessonni olaanoon dhaabbilee naannicha keessatti argamanii akkasumas bakka bu’oonni hawaasaa saganticharratti hirmaachaa jiru.
Tajaajilli wiirtoo tokkoo Masoob teeknooloojiin kan deeggarame hojmaata yeroon gaafatu diriirsuun tajaajiloota si’ataa, iftooma qabuu fi amanamaa addaddaa bakka tokkotti hawaasaaf kennuuf kan akeekamedha.
Gaaffilee hawaasni kenniinsa tajaajilaan walqabatanii kaasan furuuntajaajila fooyya’aa kennuuf faayidaa guddaa akka qabu ibsameera.