NiwuKassil Yunaayitid fi Arenaal har’a nitaphatu - ENA Afaan Oromoo
NiwuKassil Yunaayitid fi Arenaal har’a nitaphatu

Fulbaana 18/2018(TOI)-Sagantaa torban jahaffaa Piriimer Liigii Ingiliziin taphni Niwukaassil Yuunaayitid Arsenaal waliin har’a taphatan hawwii guddaan eegamaa jira.
Taphni garee lamaanii har’a galgala sa’aatii 12:30tti gaggeeffama.
Kaleessa Livarpool waan mo’ameef tapha har’aatiin Arsenaal morkataasaa yoo mo’ate garaagarummaan qabxii jidduusaanii jiru shan dhiphisuu nidanda’a.
Haala walfakkaatuun sagantaa turban jahaffaa liigichaan guyyaa sa’aatii 10:tti Aston Viilaan Fulhaam waliin nitaphatu.