Ayyaanni Masqalaa jaalalaa fi walooma gabbisuun guddina biyyaa waliigalaaf kan itti hojjennudha - ENA Afaan Oromoo
Ayyaanni Masqalaa jaalalaa fi walooma gabbisuun guddina biyyaa waliigalaaf kan itti hojjennudha

Fulbaana 17/2018 (TOI)- Ayyaanni Masqalaa jaalalaa fi walooma gabbisuun guddina biyyaa waliigalaaf kan itti hojjennudha jedhan abbootiin amantaa damaraa Masqalaarratti argaman.
Damaraan Masqalaa Bataskaana tawaahidoo Ortodoksii Itiyoophiyaan addababayirratti kabajamu kaleessa Finfinnee Addababayii Masqalaatti sirna ho’aan kabajameera.
Abbootiin amantaa ayyaanicharratti argaman hawaasni kiristaanaa jaajala Iyyasuus Kiristoos fannoorratti agarsiise gochaan agarsiisuu qaba jedhaniiru.
TOI’f yaada kan kennan Malaake Mankiraat Hayilee Abrihaa, Fannoon fakkeenya nagaa, jaalalaa, waljaalachuu fi dhiifamaa waan ta’eef waldeeggaruun fakkeenya kana hojiirra oolchuun akka barbaachisu dubbataniiru.
Jaalala, nagaa fi tokkummaa Fannoon arganne gochaan agarsiisuu qabna jedhaniiru.
Abbootiin amantaa Misooma waiigalaa keessumaa yeroo ammaa Finfinneetti mul’atu ittifufsiisuuf waan nurraa eegamu gochuu qabna jedhaniiru.
Mammir Yaa’iqoob Asfaawu gamasaaniin, Fannoon fakkeenya araaraa wan ta’eef kan waldhabe walitti araarsuun, walooma gabbisuun ayyaanicha kabajuun qabna jechuun dubbataniiru.
Iyyasuus Kiristoos fannoorratti fannifamee garaagarumaan jiraachaa kan turan hunda akkuma tokko taasise barsiisa kana qabatamaan ifa baasuun jaalalaa fi tokkummaa dhugoomsuu barbaachisa jedhaniiru.