Tamsaasa Kallatti:

Piriimer Liigicha dursaa kan jiru Liivarpool Kiristaal Paalaas waliin nitaphata

Fulbaana 17/2018 (TOI)-Sagantaan torban jahaffaa Piriimer liigii Ingiliz taphoota har’a taphatamaniin ittifufa.

Olmaa guyyaa jalqabaa turban jahaffaatiin taphoonni Toorba nigaggeeffamu.

Saganticha keessaa liigicha dursaa kan jiru taphni Livarpool Landan Kibbaa dhaquun guyyaa keessaa sa’aatii 11tti taphatu keessatti argama.

Livarpool qabxii 15niin sadarkaa tokkoffaa irra kan jiru yoo ta’u Kiristaal Paalaas qabxii sagaliin sadarkaa shanaffaarra jira.

Livarpool yoo mo’ate qabxii Arsenaal waliin qaban yeroof gara saddetiitti guddata.

Kiristaal paalaas fi Livarpool amma ammaatti liigichaan hinmo’amne.

Cheelsiin Biraayitan, Maanchastarsiitiin Barnleeyi fi Liidsi Yuunaayitid Barnimaawuz waliin salaatii walfakkaataa guyyaa keessaa sa’aatii 11tti nitaphatu.

Birentifordi Manchastar Yuunaayitid waliin guyyaa keessaa sa’aatii 8 fi 30tti nitaphatu.

Nootiingihaam Forest Sandarlaand waliin galgala sa’aatii 1 fi 30tti, Astonviilaan Fulhaam waliin galgala sa’aatii 4tti nitaphatu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015