Tamsaasa Kallatti:

Hojii Istaadiyeemii idil addunyaa hawaasaa hafe xuumuruuf tattaafatamaa jira

Fulbaana 17/2018(TOI) Ijaarsisaa xumuramaa kan jiru hojii Istaadiyeemii idil addunyaa hawaasaa hafe xuumuruuf birriin miiliyoona 300 ramadamee hojjetamaa akka jiru komishiniin Ispoortii naannoo Sidaamaa beeksise.

Haala Kanaan hojiin baaxii, kutaan uffannaa fi hojiin dallaa sadarkaasaa eeggatee akka hojjetamu ibsameera.

Ijaarsisaa addaan cituurraa kan ka’e miidhaan kan irra gahe afanni lafaa, balballii fi foddaan mukaa fi aluminiyeemii,hojiilee elektiriikii fi teeknooloojii dabalatee hojiileen suphaa biroo hedduun akka raawwataman eerameera.

Komishinichatti daarektarri gurmaa’insa Ispoortii, qabeenya walitti qabuu fi misooma faasiliitii Ispoortii Wandimmuu Birruu TOI’f akka ibsanitti, dirreewwan ispoortiif xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira.

Haala Kanaan Istaadiyeemiiwwan sadarkaa godinaatti jiran suphuu fi ijaaruun akkasumas dirreewwan mirkaneessa qabiyyee argatanii akka eegaman hojjetamaa jira.

Istaadiyeemiin dorgommii biyyaa keessaa keessummeessuu danda’an sadii akkasumas jiddugaleessa ta’anii dorgommiiwwan  sadarkaa naannoo keessummeessuu danda’an 42 akka jiran ibsaniiru.

Fuuldurattis dureeyyii fi ummanni naannichaa misooma dirree Ispoortiirratti bal’inaan akka hirmaatan hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015