Tamsaasa Kallatti:

Hidhi haaromsaa pirojektii Afriikaa jijjiirudha-Gaazexeessituu lammii Ameerikaa Aan Gariisen

Fulbaana 17/2018 (TOI)- Hidhi haaromsaa pirojektii Afriikaa jijjiiruu fi walitti hidhamiinsa riijinii caalaattincimsu ta’uu Gaazexeessituu fi barreessituun lammii Ameerikaa Aan Gariisen ibsite.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Qaammee 4 bara 2017 hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha ifatti eebbisuunsaanii nibeekama.

Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaarra darbee guddinaa fi misooma Afriikaaf humna guddaa qaba jedhaniiru.

Gaazexessituu fi barreessituun lammii Ameerikaa Aan Gaarisen Turtii TOI waliin taasifteen hidhi haaromsaa eebbifamuusaatti guddaa akka gammadde ibsiteetti.

Itiyoophiyaanonni qormaataa fi rakkoof osoo harka hin kenniin faayinaansii fi humnasaaniin hidha haaromsaa ijaaruunsaanii hiikoo guddaa akka qabu dubbatteetti.

Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi lammiileen addunyaarra jiran harka ormaa osoo hinilaaliin guduunfaasaaniitiin kan ijaaran pirojektoota gurguddoo keessaa tokko ta’uu ibsiteetti.

Hidhi haaromsaa hanqina Inarjii Afriikaan qabdu guddaa akka jijjiiru kan ibsite gaazexessituun kun, kun ammoo guddinni dinagdee fi walitti hidhamiinsi riijinii akka si’atu nitaasisa jetteetti.

Hidhi haaromsaa cehumsa biyyoonni Afriikaa madda anniisaa haaromfamutti taasisaniif pirojektii akka fakkeenyaatti maqaa dhahamu ta’uu ibsiteetti.

Hidhichi madda anniisaa haaromfamu ta’uunsaa misooma fulla’aa fi guddina Itiyoophiyaaf qooda ijoo akka qabaatu dubbatteetti.

Itiyoophiyaan qabeenya bishaanii qabdutti gargaaramtee misoomuuf mirga qabdi kan jette Gaazexessituun kun biyyi laga Naayilirratti qooda irra caalaa qabdu qabeenyasheetti fayyadamuunshee gaaffiif hindhihaatu jetteetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015