Mieessituu qulqullinaan oomishuuf hojjetamaa jira-Abbaa taayitichaa - ENA Afaan Oromoo
Mieessituu qulqullinaan oomishuuf hojjetamaa jira-Abbaa taayitichaa

Fulbaana 16/2018(TOI)- Mieessituu qulqullinaan oomishuuf sanyii qopheessuurraa eegalee amma alergiitii hojiileen garagaraawaloomaan hojjetamaa akka jiru Abbaan taayitaa Bunaa fi Shaayee beeksise.
Itti aanaan daarektara olaanaa fi hoogganaan damee misoomaa abbaa taayitichaa Taagaayi Nuuruu TOI’tti akka himanitti, tarsiimoon mi’eessituu kan waggaa kudhanii qophaa’ee hojiitti galameera.
Haala Kanaan hojmaata ekisteenshinii mi’eessituu fooyyessuuf hojjetamaa akka jiru eeranii, akaakuu mi’eessituu 19’f fooyyessi paakeejii taasifamuu kaasaniiru.
Ogeessota olaanoo naanoo fi godinaa mi’eessituu biqilchaniif akkaataa paakeejichaatiin leenjiin kennamuu ibsaniiru.
Hojii qulqullinaa fi gabaa si’achiisuu fi to’annaa keeessa galchuun gaggeessuun akka danda’amu qajeelfamni qulqullinaa fi gabaa mi’eessituu ragga’ee hojiitti galuu himaniiru.
Qajeelfama kana gara labsiitti guddisuuf wixineensaa xumuramee ministeera qonnaaf ergamuusaa ibsaniiru.
Hojmaata qindaa’aa cimsuun, qorannoo guddisuun, qu’annoo guddisuun, humna qabeenyaa walitti fiduun, rakkoo hubanoo furuun fi dhiheessii fi qulqullina fooyyessuun amma barbaadamu alatti erguun biyya fayyaduun akka danda’amu himaniiru.