Ayyaanni damaraa masqalaa guutuu biyyaatti kabajame nagaa fi milkaa’inaan xumurameera - ENA Afaan Oromoo
Ayyaanni damaraa masqalaa guutuu biyyaatti kabajame nagaa fi milkaa’inaan xumurameera

Fulbaana 16 /2018(TOI)- Ayyaanni damaraa masqalaa Finfinnee dabalatee guutuu biyyaatti kabajame nagaa fi milkaa’inaan xumuramuusaa poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa beeksiseera.
Poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa humnoota nageenyaa biroo waliin qindaa’uun raayyaa poolisii teeknooloojiin deeggarame hedduu bobbaasuun, ummata, gaggeessitoota amantaa koreewwan ayyaana qopheessanii fi dargaggoota waliin ta’uun ayyaanichi bakka hundatti nagaan xumuramuun ibsameera.