Izziin Bahaa godinaalee Goojjamii fi Gondaritti sochii garee Finxaalessaa hordofuun tarkaanfii fudhachuun nageenya naannawaa cimsaa jira-Jeneraal Ababawu Taaddasaa - ENA Afaan Oromoo
Izziin Bahaa godinaalee Goojjamii fi Gondaritti sochii garee Finxaalessaa hordofuun tarkaanfii fudhachuun nageenya naannawaa cimsaa jira-Jeneraal Ababawu Taaddasaa

Fulbaana 16/2018(TOI)- Raayyaa ittisaatti Izziin Bahaa godinaalee Goojjamii fi Gondaritti sochii garee Finxaalessaa hordofuun tarkaanfii fudhachuun nageenya naannawaa cimsaa akka jiru itti aanaan itaamaajoor shuumii humnoota waraanaa walii gala Jeneraal Ababawu Taaddasaa ibsan.
Itti aanaan itaamaajoor shuumii humnoota waraanaa waliigalaa fi walitti qabaan kaawunsilii nageenyaa naannoo Amaaraa Jeneraal Ababawu Taaddasaa, raawwii ergama Izzii bahaa fi nageenya naannawichatti uumame ilaalchisuun ibsa kennaniiru.
Haala Kanaan hoggansi Izzichaa fi raayyaan ergama heera mootummaa fi biyyaa jaalala biyyaa cimaa fi naamusa cimaan raawwachaa jira jedhaniiru.
Miseensonni raayyaa Izzichaa raawwii cimaatiin nageenyi naannichaa fulla’inaan akka mirkanaa’u hojjechuun ergama biyyaalessaa ga’umsa olaanaan bahachaa akka jiran ibsaniiru.
Raawwii ergamaan gamatti humna nageenyaa naannichaa irra deebuun gurmeessuun, leenjisuu fi ga’oomsuun caasaan nageenyaa cimaan akka jiraatu gochuusaa kaasaniiru.
Haala Kanaan Izziin bahaa godinaalee Goojjamii fi Gondar Lixaatti sochii garee finxaalessaa hordofee tarkaanfii fudhachuun nageenya naannawichaa cimsaa akka jiru ibsaniiru.
Kaayyoo diinota alaa fudhatee nageenya naannichaa booressuuf kan sosso’u gareen finxaalessaa tarkaanfii cimaa irratti fudhatameen abdii kutachuurra jira jedhaniiru.
Kanaaf tarkaanfiin garee finxaalessaa kanarratti fudhatamu cimee itti fufa jedhan jeneraal Ababawu.
Raayyaan ittisa biyyaa jaalala biyyaa fi ummatummaan guutamee naamusa cimaan gootummaa fi kaayyoosaaf kutannoon kabajaa fi birmadummaa biyyasaa eegsisuu ittifufa jedhaniiru.
Hoggansi raayyaa sadarkaan jiru ga’umsa hooggansaa olaanaa akka qaban kaasanii kanumaan ittifufuu qaba jechuun hubachiisan Jeneraal Ababawu.