Tamsaasa Kallatti:

Ayyaanonni ummataa fi amantaa agarsiiftuu sabdaneessummaa Itiyoophiyaati

Fulbaana 16/2018(TOI)- Ayyaanonni ummataa fi amantaa agarsiiftuu sabdaneessummaa Itiyoophiyaa ta’uusaanii tajaajilli komunikeeshinii mootummaa beeksise.

Tajaajilli komunikeeshiniimootummaa ergaa baga ittiin isin gahee dabarseen ayyaanni Damaraan Masqalaa hambaalee Itiyoophiyaan hambaa sadarkaa addunyaatti galmeessifte keessaa isa tokkodha. Ayyaanni kun taatee Itiyoophiyaatti dhalootarraa dhalootatti darbaa fi eegamee ittifufe agarsiisu danummaa fi tokkummaa sabdaneessummaati jedheera.

Yuuneeskootti kan galmeeffame duudhaa kabajaa kana qabatee akka ittifufu, Itiyoophiyaarra darbee hambaa waloo ta’uunsaa akka eegamu gochuufi.

Lammiileen Itiyoophiyaas ayyaana Damaraa Masqalaa dur durummaasaa fi duudhaa hawaasummaasaa eeguun waggaa waggaan nikabaju. Dameelee dinagdee mootummaan xiyyeeffannoo guddaa kan kenneef guddina turizimiifis gumaacha guddaa gumaachaa akka jirus ibseera.

Ayyaana Damaraa Masqalaa baranaa kan kabajnu ammoo injifannoo hidha haaromsaa waloomaan milkeessine kabajaa wayita jirrutti ta’uu eeree, kun ammoo ayyaanicha caalaatti dammaqsa jedheera.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015