Haala teessuma lafaatiin ulaa galaanaa dhabuun hinmalu-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee - ENA Afaan Oromoo
Haala teessuma lafaatiin ulaa galaanaa dhabuun hinmalu-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee

Fulbaana 16/2018 (TOI)-Sababa teessuma lafaatiin carraaleen guddinaa, faayinaansii fi teeknooloojii biyya kamiiyyuu cufaa ta’uu hinqaban jechuun ibsan Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee.
Pirezidaant Taayyeen yaa’ii waliigalaa mootummoota gamtoomanii 80ffaa Niwuyoorkitti gaggeeffamaa jirurratti ejjennoo Itiyoophiyaa dubbii gochuun dhiheessaniiru.
Itiyoophiyan baay’ina ummataan Afriikaarraa lammaffaa ta’uushee yeroo kana kaasaniiru.
Haala Kanaan biyyi keenya daldala galaanaa olaanaa qabdi kan jedhan pirezidaantichi, imala nageenya galaanarraa garba diimaa fi galaana Hindiif iddoo guddaa kenniti jedhaniiru.
Kanaaf carraaleen guddinaa, faayinaansii fi teeknooloojii biyya kamiyyuu sababa teessuma lafaatiin cufaa ta’uu akka hinqabne cimsanii dubbataniiru.
Kanaaf haqni guddaan seera idil addunyaa garba hambaa waloo dhala namaa gochuun ibsuu fi byya hunda mirga walqixa fayyadamuu mirkaneessu dhugoomuu qaba jedhaniiru.
Itiyoophiyaan byyoota biroo waliin ta’uun hojmaanni hundagaleessi misoomaa fi nageenya biyyoota naannawa garba diimaa fi galaana Hinditti argaman hunda walqixa mirkaneessuu dandeessisu akka diriirfamu nihojjetti jedhaniiru.
Itiyoophiyaan imaamatashee seera qabeessa kana milkeessuuf filmaattota dippilomaasii fi karaa nagaa akka hordoftu mirkaneessaniiru.
Pirezidaant Taayyeen dubbiisaaniin, dhimmoota riijinii, Ardii fi idil addunyaa biroo kaasaniiru.