Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa baga ayyaana Masqalaan isin gahe jechuun ergaa dabarsan - ENA Afaan Oromoo
Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa baga ayyaana Masqalaan isin gahe jechuun ergaa dabarsan

Fulbaana 16/2018(TOI)- Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa baga ayyaana Masqalaan isin gahe jechuun ergaa dabarsaniiru.
Ergaan itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa guutummaansaa akka armaan gadiitti dhihaata.
Ayyaanni Masqalaa ayyaana irra deebiin mul’achuu fi irra deebiin kaasuuti. Fannoon waggaa 300 caalaaf awwaalamee ture.kan bade fi hirraanfatame, waan dhumateef fakkaata ture.
Baroota dheeraa booda gaggeessaa cimaa argatee damaraan damaramee, gaarri qotamee deebi’ee bahe, deebi’ee mu’ate.
Kun Itiyoophiyaafis nihojjeta. Deebitee nikaati, deebitee ni’ifti. Deebitee addunyaafis nimul’atti.
Ayyaana Damaraa fi Masqala gaarii nuuf haata’u.