Tamsaasa Kallatti:

Walaayittaa Diichaan tapha deebii gulaallii waancaa Konfedereeshinii Kaaf har’a nitaphata

Fulbaana 16/2018 (TOI)- Walaayittaa Diichaan tapha deebii gulaallii waancaa Konfedereeshinii Kaaf  bara 2025/26 garee Liibiyaa al-Ithaad waliin har’a nitaphata

Taphni kun galgala sa’aatii lamatti Istaadiyeemii Intarnaashinaalii Tiriippooliitti nigaggeeffama.

Gareen lamaan turban dura Istaadiyeemii Abbabee Biqilaatti taphatanii galchii malee gargar bahuunsaanii nibeekama.

Walaayittaa Diichaan guyyoota sadan darban Tiriippooliitti shaakallii gaggeessaa tureera.

Morkataansaa al-Ithaadis tapha jalqabaan booda Tiriippooliitti qophii taasiseera.

Itiyoophiyaa bakka bu’uun waancaa konfedereeshinii Kaaf irratti kan hirmaatu Walaayittaa Diichaan qabxii dhaqa deebiitiin yoo mo’ate marsaa jalqabaatiin garee Gibxi Al-Masrii waliin walitti dhufu.

Walaayittaa Diichaan waancaa Konfedereeshinii Kaafiin Itiyoophiyaa bakka bu’uun kan dorgomu Waancaa Itiyoophiyaa waan mo’ateefi.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015