Bakkeewwan turizimii godina Shawaa lixaatti argaman qindoominaan misoomfamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Bakkeewwan turizimii godina Shawaa lixaatti argaman qindoominaan misoomfamaa jira

Fulbaana 16/2018(TOI)- Bakkeewwan turizimii aanaalee godina Shawaa lixaatti argaman adda baasuu fi misoomsuun qindoominaan hojjetamaa jiraachuu waajjirri aadaa fi turizimii godinichaa beeksise.
Hoogganaan Waajjira aadaa fi turizimii godina Shawaa lixaa obbo Dirribaa Tulluu TOI’tti akka himanitti, hawattoota tuurizimii godinichatti argaman xiyyeeffatamee misoomfamaa jira.
Dameen Turizimii misoomaa fi guddina godinichaaf humna guddaa akka ta’e hubachuun hawattoota turizimii godinicha keesatti argaman adda baasuu fi misoomsuun qindoominaan hojjetamaa jira.
Bakkeewwan hawatoo adda baasuuf qu’annoo hojjetameen bakka turizimii kan ta’anii fi misoomuu kan qaban bakkeewwan 93 adda baafamuu dubbataniiru.
Kanneen keessaa Bosona Cillimoo Gaanjii, Bosona Jibaat akkasumas bosonni uumamaa Guraa fi Tulluu Kormaa akka keessatti argaman ibsaniiru.
Bakkeewwan misoomsuun eegalame keessaa haaromsii fi misoomni Fincaa’aa Gudar akkasumas bakkeewwan turizimii birootti ammoo hojiileen guddina Turizimiif gargaaran hojjetamaa jiru jedhaniiru.
Bara bajataa eegalame biiroo aadaa fi Turizimii naannichaa waliin qindaa’uun bakkeewwan turizimii aanaalee godinichaa keessatti argaman hunda misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Hojiin bakkeewwan hawata turizimii misoomsuuf hojjetamaa jiru dargaggoota naannawaaf carraa hojii akka uume himaniiru.