Tamsaasa Kallatti:

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirezidaantii Ruusiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin mari’atan

Fulbaana 16/2018(TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirezidaantii Ruusiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin mari’ataniiru.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa fuula marsariitiisaaniin dabarsaniin, pireziidaant Vilaadmir Putiin waliin dameelee garagaraarratti marii waliigalaa taasisuusaanii ibsaniiru.

Kanneenis tumsa madda anniisaa, qonna, misooma eegumsa fayyaa fi ittisaa ofkeessatti qabata jedhaniiru.

Keessumaa dhimmoota anniisaa qulqulluu tajaajila hawaasaaf oolu dhiheessuuf madda anniisaa nuukileeraa waloo misoomsuuf waliigalteewwan mallatteessuun fedhii waloo gabbisan irratti mari’anneerra jechuun ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015