Raayyaan ittisaa milkaa’ina hidha haaromsaaf maallaqa, dafqaa fi dhiigasaatiin gatii kan itti baase injifannoo misoomaa dachaadha- qondaaltota jeneraalaa raayyaa ittisaa - ENA Afaan Oromoo
Raayyaan ittisaa milkaa’ina hidha haaromsaaf maallaqa, dafqaa fi dhiigasaatiin gatii kan itti baase injifannoo misoomaa dachaadha- qondaaltota jeneraalaa raayyaa ittisaa

Fulbaana 15/2018(TOI)- Raayyaan ittisaa milkaa’ina hidha haarom
saaf maallaqa, dafqaa fi dhiigasaatiin gatii kan itti baase injifannoo misoomaa dacha ta’uu qondaaltonni jeneraalaa raayyaa ittisaa ibsan.
Hoogganaan qajeelcha olaanaa hooggansa qabeenya namaa raayyaa ittisaa Letenaal Jeneraal Haacaaluu Shallamaa fi daarektarri hariiroo ummataa raayyaa ittisaa birgaadar Jeneraal Geetinnat Adaanee, milkaa’ina hidha haaromsaa fi hirmaannaa raayyaa ilaalchisuun TOI waliin gaaffii fi deebii taasisaniiru.
Hoogganaan qajeelcha olaanaa hooggansa qabeenya namaa raayyaa ittisaa Letenaal Jeneraal Haacaaluu Shallamaa, hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi deeggarsa maallaqaa, humnaa fi kanneen biroo Itiyoophiyaanonni taasisaniin milkaa’uusaa ibsaniiru.
Raayyaan Ittisa biyyaa ummata keessaa babahes maallaqaan deeggaruun gamatti ijaarsisaa akka hingufanne aarsaa kabajamaa kaffaluusaa dubbataniiru.
Yeroo hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi ijaaramutti daandii ijaaruun meeshaa ijaarsaa geejjibsiisuun milkaa’inaan xumuramuunsaa miseensota raayyaaf injifannoo misoomaa gammachuu guddaa uume ta’uu kaasaniiru.
Daarektarri hariiroo ummataa raayyaa ittisaa birgaadar Jeneraal Geetinnat Adaanee gamasaaniin, raayyaan daandii meeshaaleen ijaarsaa keessa darbu km.200 ol hojjechuusaa yaadachiisaniiru.
Milkaa’ina ijaarsa hidhichaan duubatti hirmaannaan raayyaa guddaa ta’uu dubbatanii, keessumaa Koonvooyiin dabaaluu, dhuka’aa fashaleessuu fi humna farra nageenyaa dhabamsiisuun aarsaa kaffaluusaa ibsaniiru.
Hoogganaan qajeelcha olaanaa hooggansa qabeenya namaa raayyaa ittisaa Letenaal Jeneraal Haacaaluu Shallamaa, waggoottan darban raayyaan qaamolee fedhii ijaarsa hidha haaromsaa gufachiisuuf qabanii fashaleessuun aarsaa lubbuu dhiigaan kabajamee fi seenaan yaadatamu kaffaluusaa dubbataniiru.
Milkaa’inni hidha haaromsaa miseensota raayyaaf injifannoo dacha ta’uu ibsaniiru.
Muudamni qondaaltota raayyaa ittisaa bariituu milkaa’ina hidha haaromsaa Itiyoophiyaa ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad dhiheessanii pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee kennan injifannoo dacha ta’uu qondaaltonni jeneraalaa raayyaa hubachiisaniiru.
Hidhi haaromsaa bu’aa tumsa Itiyoophiyaanotaa ta’e kun guddina biyyaaf ka’umsa, kan haaromuu fi jijjiiramuuf siidaa injifannoo ta’uu ibsaniiru.