Tamsaasa Kallatti:

Tajaajilli Masoob Wiirtuu tokkoo Magaalaa Direedawaatti hojii eegale

Fulbaana 15/2018(TOI)-Bulchiinsa Magaalaa Diree Dawaatti sagantaan jalqabssisa tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob gaggeeffameera.

Saganticharratti Ministirri Tajaajila komunikeeshinii Mootummaa Innaataalam Mallasaa fi Kantiibaan Bulchiinsa Magaalichaa Kadir Juhaar dabalatee qaamoleen adda addaa argamaniiru.

Tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob Diree Dawaa tajaajila si’ataa fi ariifataa ummataaf kennuuf, akkasumas rakkoowwan bulchiinsa gaarii furuuf kan dandeessisu ta’uu Ministirittiin ibsaniiru.


 

Mootummaan tajaajila ummataaf kennu ammayyaa’aa, si’ataa, fi Ariifataa gochuuf riifoormiiwwan hojjechaa jiru bu’aa qabeessummaansaa itti fufuusaa kaasuun, tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob agarsiistuu qaama kanaati jedhaniiru.

Gaggeessitonni Sadarkaa sadarkaan argaman hojii jijjiiramaa eegalan cimsanii ittifufsiisuun kenna tajaajila ummataa saffisiisuun kutannoon, qajeelummaa fi Amanamummaan akka tajaajilan ergaa dabarsaniiruKantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaa Kadir Juhaar gamasaaniin, jijjiirama biyyoolessaa hordofee dhimmoota xiyyeeffannoo guddaan itti kennaman gaaffiiiwwan hawaasaa yeroo dheeraa kenninsa tajaajilaa fi rakkoo bulchiinsa gaarii saffisaa fi qulqullinaan hojii deebisuu ta’uu kaasaniiru.

Bu’uruma Kanaan Bulchiinsichi waggoottan jijiiramaa darban tajaajiloota si’ataa fi Ariifataa teekinooloojiin deeggaraman dhaqabamaa taassisuun hojii jajjabeessaa raawwachaa jiraachuu dubbataniiru.

Har’a kan eebbifame kenni tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob Diree Dawaa tajaajiloota Mootummaa haala qindaa’ee fi wal-simateen iftoominaan, saffisaan, kennuu dandeessisa jedhaniiru.

Masoob Ismaarti Dirree dhugoomsuuf qooda olaanaa akka qabaatu ibsaniiru.


 

Magaala Diree Dawaati tajaajilli wiirtuu tokkoo eegaluun dhaabbiilee boqonnaa jahaa fi tajaajiloota 28 Teekinooloojiin deeggaramuun gurmaa’insaa fi hoj-maata si’ataa fi Ariifataa Tajaajila ammayya’aa kennuu eegaluusaanii kan dubbatan immoo Itti Aanaa Kantiiibaa Bulchiinsichaa Harbii Buhiiti.

Dhaabatichaaf Tajaajila yeroon gaafatu kennuu kan danda’an ogeessonni 64 leenjii fudhatanii gara hojiitti galuusaanii dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015