Tamsaasa Kallatti:

Raayyaan cimaan faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa eegsisuun dirqama kamiyyuuga’umsa olaanaan bahachuu danda’u gurmaa’eera-Qondaaltota jeneraalaa raayyaa ittisaa

Fulbaana 15/2018(TOI)- Raayyaan cimaan faayidaa biyyaalessaa fi birmadummaa Itiyoophiyaa eegsisuun dirqama kamiyyuuga’umsa olaanaan bahachuu danda’u gurmaa’uusaa Qondaaltonni jeneraalaa raayyaa ittisaa RDFI beeksisan.

Hoogganaan qajeelcha olaanaa hooggansa qabeenya namaa ittisaa Letenaal jeneral Haacaaluu Shallamaa fi daarektarri hariiroo ummataa raayyaa ittisaa Birgaader Jeneraal Geetinnat Adaanee haala raayyaan amma itti jiruu fi muudama qondaaltota waraanaa ilaalchisuun TOI waliin turtii taasisaniiru.

Hoogganaan qajeelcha olaanaa hooggansa humna namaa ittisaa Letenaal jeneral Haacaaluu Shallamaa akka ibsanitti, raayyaan ittisaa cimaan kabaja birmadummaa, tokkummaa fi faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa ga’umsa hooggansaa, sadarkaa amansiisaan ijaaramaa jira.

Yeroo ammaa raayyaan ittisaa hidhannoo guutuun, dhaabbii amansiisaarra jiru  gaachanni biyyaa cimaan ijaaramuusaa kaasanii, diinonni Itiyoophiyaa kan yaadan garuu biyya dadhabde arguu akka ture dubbataniiru.

Diinonni Itiyoophiyaa raayyaan ittisaa dirqamasaa sirnaan raawwachuu kan hindandeenye akka ta’u yaaduun galmasaanii badii milkeessuuf abjootaa jiraachuu himaniiru.

Gaachanni biyyaa tokkummaa fi faayidaa biyyaalessa Itiyoophiyaa karaa amansiisaan eegu dhaabbii cimaa qabu ijaaramuusaa ibsaniiru.

Fakkeenyaaf dargaggoonni kumaan lakkaa’aman yeroo yerootti raayyaa ittisa biyyaatti makamuun tokkummaa birmaduu biyyasaanii eegsisaa akka jiran ibsaniiru.

Dhaabbanni raayyaa ittisaa gurmaa’insa cimaa yaada diina Itiyoophiyaa kamiyyuu fashaleessuu danda’uun guutamee hojii milkaa’aa hojjechaa akka jiru himaniiru.


 

Daarektarri hariiroo ummataa raayyaa Ittisaa Birgaader Jeneraal Geetinnat Adaanee gamasaaniin, mootummaan karoora misoomaa gurguddoo faayidaa biyyaalessaa fi fdhii Itiyoophiyaa eegsisuu dandeessisan karoorsuusaa ibsaniiru.

Haala Kanaan raayyaan ittisaa dhaabbata mootummaa ummataan filatame waan tajaajiluuf gama hundaanuu qophii amansiisaa fi dandeettii raawwachuu irratti akka argamu beeksisaniiru.

Raayyaan ittisaa humnoota faayidaa fi fedhii Itiyoophiyaa faallaa dhaabatan harkasaanii akka walitti qabatan gochuun dirqama kennameef ga’umsaan bahachaa akka jiru himaniiru.

Hoogganaan qajeelcha olaanaa hooggansa qabeenya namaa raayyaa ittisaa letenaal jeneraal Haacaaluu Shallamaa muudama Fulbaana 10 bara 2018 qondaaltota waraanaaf kenname ilaalchisuun akka ibsanitti, muudamni kenname milkaa’ina Kanaan dura galmaa’eef qofa osoo hintaane dirqamnii fi ergamni dabalataa jiraachuu yaada keessa galchuun akka ta’edha.

Raayyaan kun qodaltonni waraanaa muudamni kenname humna raawwachiisummaa  raayichaa guddisuun qaama humna sibiilarra jabaate ta’ee kan fudhatamu ta’uu hubachiisaniiru. 

Daarektarri hariiroo ummataa Raayyichaa Birgaader Jeneraal Geetinnat Adaanee, Muudamni Qondaltota waraanaaf kenname Xiinsammuun caalaatti cimuun birmadummaa biyyaa cimsuuf hiikkoo guddaa qaba jedhaniiru.

Raayyaan Itiyoophiyaa odeeffannoo hinjirree hedduu  keessa darabee qabatamaan qoramee kan darbe ta’uu  hubachisaniiru.

Yeroo ammaa farreen nageenyaa seera qabsiisuun Faayidaa Biyyolessa fi Birmadummaa Itiyoophiyaa eegsisuun waadaa galeef amanamee tajaajilaa jiraachuu beeksisaniiru.

Pirezidaantiin Itiyoophiyaa Taayyee Atsiqesillaasee muudama qondaaltota raayyaa ittisa biyyaa Ministirri Muummee Dr.Abiyyi  Ahimad dhiheessan Fulbaana 10 bara 2018 kennuun isaanii ni beekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015