Raayyaan leenjii yeroon gaafatu fudhachuun birmadummaa biyyaa karaa amansiisaan eeguuf ergama kennameef bahaa jira-Jeneraal Yimar Mokonnin - ENA Afaan Oromoo
Raayyaan leenjii yeroon gaafatu fudhachuun birmadummaa biyyaa karaa amansiisaan eeguuf ergama kennameef bahaa jira-Jeneraal Yimar Mokonnin

Fulbaana 11/2018(TOI)- Raayyaan leenjii yeroon gaafatu fudhachuun birmadummaa biyyaa karaa amansiisaan eeguuf ergama kennameef bahaa jira-jechuun ibsan hoogganaan olaanaa qajeelcha barnootaa fi leenjii ittisaa Jeneraal Yimar Mokonnin.
Qajeelcha olaanaa barnootaa fi leenjii ministeera ittisaatti manni barumsaa leenjii qondaaltotaa Hursoo har’a qondaaltota kaadhimamoo eebbisiiseera.
Hoogganaan qajeelcha olaanaa barnootaa fi leenjii ittisaa Jeneraal Yimar Mokonnin yeroo kana akka jedhanitti, raayyaan ittisa biyyaa leenjii yeroon gaafatu leenji’uun birmadummaa biyyaa karaa amansiisaa ta’een eegaa ergamasaa bahachaa jira.
Faayidaa biyyaalessaa keenya kan mirkaneessu hidha haaromsaa dabalatee pirojektoonni gurguddoo fuulduratti raawwataman guddooma Itiyoophiyaa kan deebisanii fi bu’ura raayyaa haala olaanaa ta’een kan cichoomsan ta’uu ibsaniiru.
Raayyaan faayidaalee biyyaalessaa keenya kabachiisuuf yoomiyyuu caalaa leenji’uun, gurmaa’uun fi hidhachuun aarsaa kamiyyuu kaffaluuf qophaa’eera jedhaniiru.
Kun akka dhugoomu hooggantoonnii fi ogeessonni pirofeeshinaalii damee dameen leenji’aa akka jiran eeranii, raayyaan beekumsaa fi teeknooloojii ammayyaan deeggarame, kan yeroon gaafatu dirqama hundaaf qophaa’e ijaaramuu ibsaniiru.
Eebbifamtoonni Kaadhimamtootaa koorsiiqondaaltotaa turtiisaaniin dirqama biyyaa kam keessattiyyuu ergamasaanii gahumsaan bahuuf leenjii teeknikaa, Gaggeessummaa, karoorsuu fi hojiirra oolchuu isaan dandeessisu akka isaaniif kenname kan ibsan immoo Ajaa Mana Barumsichaa Koloneel Kadir Caancooti.
Biyya keenyatti daandiiwwan Nageenyaa, Misoomaa fi Dimokiraasii haala amansiisaa fi gahumsaan hojjetamaa jiraachuu ibsuun, isaanis sadarkaa olaanaan akka ija godhataniif raayyichi itti gaafatamummaasaa kutannoon ni baha jedhaniiru.
Eebbifamtoonni guyyaa har’aa raayyaa ittisaaf humna guddaa kan uuman ta’uu ibsuun gara fuula duraattis naamusa loltuu olaanaan guutamuun ergama biyyoolessasaa gahumsa olaanaan akka bahan hubachiisaniiru.
Sirna eebbaa kanarratti Itaamajoor shuumiin waliigala humna waraanaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa, Itti Gaafatamaa Qajeelcha Olaanaa Odeeffannoo Raayyaa ittisa biyyaa Jeneraal Geetaachoo guddinaa fi ajajaan olaanaa humna qilleensaa federaalaa letenaal jeneraal Yilmaa Mardaasaa dabalatee Qondaaltonni loltuu olaanoon, Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Diree Dawaa Kadir Juhaarii fi keessummoonni biroon argamaniiru.