Tamsaasa Kallatti:

Guyyoota kudhan dhufan kutaalee biyyattii irra caalaatti roobni xiqqaarraa amma jiddugaleessaatti nirooba-Inistiitiyuuticha

Fulbaana 13/2018(TOI)-Guyyoota kudhan dhufan kutaalee biyyattii irra caalaatti roobni xiqqaarraa amma jiddugaleessaatti akka roobu Inistiitiyuutiin Mitiwoorooloojii Itiyoophiyaa beeksise.

Inistiitiyuutichi ibsa TOI’f ergeen guyyoota kudhan dhufan kutaalee biyyatti irra caalaatti haalli miitiwoorooloojii rooba qabu akka ittifufan ibseera.

Kutaalee biyyattii kibba lixaa, Lixa, akkasumas jiddugaleessaatti rooba xiqqaa amma jiddu galaatti akka roobu raagni akka agarsiisu Inistiitiyuutichi beeksiseera.

Kutaaleen lixaa, jiddugaleessaa fi kibba lixaa byyattii Darbee darbee rooba cimaa akka roobu eereera.

Gama buraan bonni yeroo roobaa lammaffaa kan ta’e kutaalee kibbaa fi kibba bahaa rooba xiqqaa amma jiddugalaatti akka argatan ni’eegama jedhaniiru.

Guyyoota kurnan dhufan kutaalee biyyattii kibba lixaa, Lixa, Kaaba, Kaaba lixaa akkasumas jiddugaleessaatti ciidha xiqqaa amma jiddugalaatti niqabaatu jedheera.

Roobni kun hojii qonnaan gaarii ta’uu eereera.

Sululoota hedduurratti xiqqaa amma guddaatti bishaan lola’u akka eegamu raagni akka agarsiisu himameera.

Sululoonni Abbaayi, Baaroo Akooboo fi Gibee jiidha bishaan lafarraa akka argatan himameera.

Akkasumas Sululli Gannaalee Daawa, Oomoo Gibeen gara gadii akkasumas Awaash jiidha xiqqaa amma jiddugaleessaa akkasumas sululli Waabee Shaballee bishaan lafarraa xiqqaa akka qabaatu eereera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015