Tamsaasa Kallatti:

Poolisiin galaanaa fi qarqara galaanaa eegu(Koostaal Gaard) Haroo Nigaatirratti hojiisaa eegaleera-Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el

Fulbaana 13/2018(TOI)- Poolisiin galaanaa fi qarqara galaanaa eegu yaaddoo nageenyaa qaamolee bishaaniirratti mudatan ga’umsaan eeguuf hundaa’e hidha haaromsaa Itiyoophiyaa Guddicha haroo Nidaatirraati hojii eegaluusaaKomishinar Jeneraaliin poolisii federaalaa Dammallaash Gabramikaa’elibsan.

Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el turtii TOI waliin taasisaniin, dhaabbanni poolisii ammayyaa yakka dursanii ittisuu fi yoo raawwatames qorachuuf dandeessisu ijaaraa akka jiru ibsaniiru.

Poolisiin nageenyaa fi tasgabbii lammiilee karaa amansiisaa ta’een eeguuf gurmaa’insoota garagaraa uumuun hojiisaa sirnaan bahachaa jira jedhaniiru.

Kanneen keessaa kutaan poolisii nageenya bishaanii mirkaneessuu danda’u eegumsa galaanarraa fi qarqara galaanaa (Koostaal Gaard) jedhamu gurmaa’uusaa eeraniiru.

Hidha haaromsaa Itiyoophiyaa Guddicharratti hojii eegaluusaas beeksisaniiru.

Koostaal gaardiin bidiruu motoraa ammayyaa hidhachuusaa kaasanii, Bidiruuwwan kunneen yaaddoo nageenyaa haroowwanii fi qaamolee bishaanii biroorratti mudachuu danda’an ittisuu fi ga’umsaan deebii kennuuf akka gargaaran dubbataniiru

Miseensonni koostaal Gaardii Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa damichaan leenjii gahaa kan argatanii fi beekamtii Idil Addunyaa  kan  qaban ta’uusaanii ibsaniiru.

Bidiruuwwan Motorrii ammayyaa kunneen kaameraa hordoffii, tooftaawwan miidiyaa ammayyaa fi siistamni  Raadarii ammayyaan kan maxxanfameef ta’uu  Komishinar Generaalichi dubbataniiru.

 Dooniiwwan kun  sochiiwwan  seeraan alaa kamiyyuu fi sodaawwan nageeyaa qaama Bishaaniirratti   gahumsaan ta’achuu akka danda’an  dubbatniiru.

Bidiruuwwan kunneen Sochiiwwan seeraan alaa yaaddoowwan nageenyaa qaamolee bishaaniirratti uumaman ga’umsaan to’achuu akka gargaaran dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015