Daawwannaan tumsa dinagdee Itiyoophiyaa fi Chaayinaa cimsuuf akeekame gaggeeffamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Daawwannaan tumsa dinagdee Itiyoophiyaa fi Chaayinaa cimsuuf akeekame gaggeeffamaa jira
Fulbaana 12/2018 (TOI)-Jilli bulchaa baankii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dr. Iyyoob Takkaalinyiin durfamu daawwannaa tumsa dinagdee Itiyoophiyaa fi Chaayinaa cimsuuf akeekame Chaayinaatti taasisaa jira.
Jilli kun turtiisaatiin, tumsitoota mootummaa fi daldalaa biyyattii gurguddoo waliin akka mari’atu ni’eegama jedhamuusaa odeeffannoon TOI’n bakkarraa argate mul’iseera.
Haala Kanaan jilli kun ministeera faayinaansii Chaayinaa, baankii ummataa Chaayinaa, baankii Chaayinaa alergii fi alaa galuu(Egziim) akkasumas hooggantoota olaanoo dhaabbilee faayinaansii fi daldalaa waliin nimari’ata.
Jilli kun marii taasisuun, bu’a qabeessummaa fooyyessa dinagdee mandhalee akkasumas milkaa’ina galmeessisaa jiru akkasumas filmaattota invastimantiirratti ibsa nitaasisa.
Itiyoophiyaan Chaayinaa fi tumsitootashee waliin hariirooshee cimsuuf kutannoo qabdu akka agarsiisus eerameera.
Daawwannaan kun idea achi butuu ilaalchisuun mari’achuu fi tumsa dinagdee Chaayinaa fi Itiyoophiyaa jidduu jiru cimsuuf kan akeekame akka ta’es ibsameera.
Dabalataanis tumsa dinagdee waloo gara guddisuu fi tumsa itti aanuuf bu’ura cimaa ijaaruuf kutannoo waloo kan agarsiisudha jedhameera.