Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan yaa’ii waliigalaa Dh.M.G 80ffaa irratti dhimmoota faayidaa biyyaalessaashee  fi faayidaa Afriikaa eegsisanirratti hirmaannaa cimaa nitaasifti-Ministeera dhimma alaa

Fulbaana 12/2018(TOI) Itiyoophiyaan yaa’ii waliigalaa Dh.M.G irratti dhimmoota faayidaa biyyaalessaashee eegsisanirratti hirmaannaa cimaa akka taasiftu Ministeerri dhimma alaa beeksise.

Gareen jilaa Itiyoophiyaa Pirezinaant Taayyee Atsqasillaaseen durfamu yaa’ii waliigalaa Dh.M.G irratti hirmaachuuf Niwuyoork dhaqeera.

De’eetaan ministira alaa ambaasaaddar Hadaraa Abarraa dabalatee dhaabbileen garagaraa kan qabate jilli Itiyoophiyaa yaa’ii mata duree “waan gaarii waloomaan” (better together) jedhuun gaggeeffamurratti hirmaannaa gochuu eegaleera.

Itiyoophiyaan yaa’icharratti dhimmoota faayidaa biyyaalessaashee fi faayidaalee Afriikaa eegsisanirratti hirmaannaa cimaa akka taasiftu dubbi himaan ministeera dhimma alaa ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo TOI’tti himaniiru.

Itiyoophiyaan yaa’ii muummeen alattis waltajjiiwwan marii gamlamee fi gama hedduu irrattis faayidaa biyyaalessaasheef dursa kennitee akka hirmaattus himaniiru.

Biyyoonni miseensaa addunyaan dhimmoota nagaa fi tasgabbiin wayita qoramaa jirtutti gaggeeffamu yaa’iin Dh.M.G 80ffaa kabajamurratti yoomiyyuu caalaa waloomasaanii cimsanii addunyaa fooyyee qabdu ijaaruuf hojjechuu akka qaban ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015