Tamsaasa Kallatti:

Naannichatti nageenya mirkaneessuun hojiin misoomaa akka raawwatamaniif   qaamolee nageenyaa qoodasaanii bahaniiru-Bulchaa Naannichaa Ashaadlii Hassan

Fulbaana 12/2018(TOI)-Naannoo Beniishaangul Gumuzitti nageenya Mirkaneessuun hojiin Misoomaa akka raawwatamaniif qaamoleen nageenyaa qoodasaanii bahuusaanii   Bulchaan Naannichaa Ashaadlii Hasan dubbatan.

Haala yeroo Nageenya Naannichaa fi kallattiiwwan fuulduraa laalchisee  Qondaaltonni Olaanoon Naannichaa fi Qaamoleen nageenyaa  bakka argamanitti mariin gaggeefameera.

Bulchaan Naannichaa Ashaadlii Hasan wayita kana akka dubbanitti, nageenya naannichaa Mirkaneessuun, hojiileen misoomaa cimanii akka  itti fufaniif  qaamoleen nageenyaa yeroo hunda qophiidha.

Ammaan dura rakkoon nageenyaa naannichatti uumamee ture hojiiwwan misoomaa Hawaasa fayyadamoo taassisan irratti  dhiibba geessisee akka ture yaadachuun,  qaamoleen nageenyaa ummata naannichaa waliin qindoomuun hojii hojjetameen  nageenya naannichaa deebisuun akka danda’ame hubachiisaniiru.

Kanaanis hojiiwwan misoomaa adda addaa hawaasa fayyadamaa taassisan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Nageenyaa fi sochii misoomaa naannichatti argameef hojmaanni qindoomina qaamolee nageenyaa qooda olaanaa waan qabuuf fuuldurattis cimee itti fufuu akka qabu Obbo Ashaadliin hubachiisaniiru.

Itti Gaafatamaan Biiroo Ijaarsa Nageenyaa fi tasgabbii Naannichaa obbo Biiniyaam Mangashaa, qaamoleen nageenyaa nageenya buusuuf Aarsaan kaffalan yeroo ammaa  hojiiwwan misoomaa adda addaa akka raawwataman gumaachuusaa dubbataniiru.

  Qaamoleen nagaa filataniifis carraa hojii uumameefiin  fayyadamoo ta’uun humna Dinagdeesaanii  guddisaa jiru jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015