Tamsaasa Kallatti:

Ayyaada Damaraa Masqalaa dhufu dammaqinaan kabajuuf qophiin taasifameera-Bataskaana Tawaahidoo Ortodoksii Itiyoophiyaa

Fulbaana 12/2018(TOI)- Ayyaada damaraa masqalaa bara 2018 dammaqinaan kabajuuf qophiin taasifamuu Bataskaana Tawaahidoo Ortodoksii Itiyoophiyaatti hojii gaggeessaan qajeelcha bulchiinsa waldaa Kiristaanaa waliigalaa Paatiriyaarkii qulqulluu Abuna Saawiiroos ibsan.

Hojii gaggeessaan waldaa kiristaanaa qulqulluu Abuna Saawiiroos kabaja Ayyaana Damaraa Masqalaa ilaalchisuun ibsa kennaniin, Ayyaanni Damaraa Masqalaa mallattoo nagaa duudhaa tokkummaa fi waloomaa kan cimsudha jedhaniiru.

Ayyaanni Damaraa Masqalaa barsiisa Amantaan gamatti tokkummaan, walta’imsii fi waloomni Itiyoophiyaanotaa kan keessatti mul’tu akka ta’e dubbataniiru.

Ayyaanota addababayii bataskaana Ortodoksiin kabajamu keessaa tokko Ayyaana damaraa Masqalaa ta’uu ibsaniiru.

Damaraan hiika dabaluu, walitti qabamuu jedhu kan qabu yoo ta’u hordoftoonni bataskaana tawaahidoo Ortodoksii Itiyoophiyaa Damadaa Daamaranii guca ibsaa sirna Amantaa Ayyaanicha akka kabajan eeraniiru.

Ayyanichi duudhaaleen jaalalaa, dhiifamaa, waloomaa galataa fi abdii kan ittiin ibsaman Ayyaana Amantaa yoo ta’u, biyyattii bakkeewwan garagaraatti dammaqinaan ni kabajama jedhaniiru.

Ayyaanichi milkaa’inan akka kabajamu koreen dhaabatee qooda fudhattoota waliin qindaa’uun qophiin barbaachisu xumuramuu ibsaniiru.

Hordoftoonni Ayyaanicha yemmuu kabajan Alaabaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa fi Asxaa bataskaanichaa qofa akka fayyadaman hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015