Tamsaasa Kallatti:

Badhaafni Balondor Galgala har’aa gaggeeffama

Fulbaana 12/2018 (TOI)- Sirni badhaasa Balondor Firaansi Fuutbool 69ffaan Galgala har’aa sa’aatii 3 irraa eegalee Faransaayi Paarisitti nigaggeeffama.

Badhaafni kun ga’umsa taphattootaa fi leenjiftoota bara 2025/26 bu’uureffachuun kennama.

 Dhiiran taphataan PSG umurii waggaa 28 Usmaan Dembeelee nimo’ata jedhamee tilmaamni kennameera.

Dembeeleen bara dorgommii xumurame shaampiyoonsi liigii Awurooppaa fi mo’aa mo’attootaa Awurooppaa dabalatee gareesaa waliin Waancaa 5 mo’ateera.

A.L.A bara dorgommii 2024/25 tapha 59 taphatee goolii 37 galchee kubbaa goolii ta’an 14 kenneera.

Taphataan Baarsaloonaa Laamiin Yaamaal fi taphataan Liivarpool Mahaammad Saalaah badhaasa kana ni’argatu jedhmanii kan eegamanidha .

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015