Tamsaasa Kallatti:

Godina Wallagga Lixaatti gaaffiiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii ummataa deebisuuf hojjetamaa jiru

Fulbaana 12/2018 (TOI)- Godina Wallagga Lixaatti gaaffiiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii ummataa deebisuuf hojjetamaa jiraachuu bulchiinsi godinichaa beeksise.

Bulchaan godinichaa obbo Taliilaa Tarrafaa TOI’f akka ibsanitti, godinichatti hojiilee misoomaa fi bulchiinsa gaariif xiyyeeffannoon kennameera.

Keessumaa haalli nagaa fi tasgabbii godinichaa Kanaan duraa gufuu ta’ee turuusaa ibsanii, yeroo ammaa gaaffii misoomaa fi bulchiinsa gaarii deebisuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Bara bajataa darbe qofa dhaabbileen bu’ura misoomaa fayyadama ummataa guddisan ijaaramanii tajaajilaaf oolaniiru jedhan.

Ijaarsa dhaabbilee bu’ura misoomaa jalqabaman bara bajataa kanatti hatattamaan xumuruun tajaajilaaf akka oolan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Manneen barnootaa, bishaan dhugaatii qulqulluu, daandii fi ibsaan akkasumas rakkoolee bulchiinsa gaarii furuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Dabalataanis hojiileen dargaggoo fayyadamoo carraa hojii taasisanii fi hojii misooma qonnaa fooyyessan bal’inaan hojjetamaa jiru jedhaniiru.

Naannawichatti kan beekamu bunni qulqullinaan gabaaf dhiheessuun oomishtootaa fi biyya fayyaduuf xiyyeeffannoon kennamuu himaniiru.

Gama biraatiin albuuda godinicha bakkeewwan garagaraatti argaman baasuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu ibsanii, hawatta turizimii misoomsuuf xiyyeeffannoon kennamuu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015