Tamsaasa Kallatti:

Guddattoonni boru biyya fudhatan teeknooloojii hubannoo namtolcheef fedhii horatanii akka guddatan gochuuf leenjiin kennamaa jira-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa

Fulbaana 10/2018(TOI)- Guddattoonni boru biyya fudhatan teeknooloojii hubannoo namtolcheef fedhii horatanii akka guddatan gochuuf leenjiin kennamaa jiraachuu Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan.

Carraan nujala darbe dhaloota kana jala darbuu hinqabu, walitti bu’iinsa, waraanaa fi rakkoos dhaluu hinqabu jechuun ibsaniiru.

Itti aanaan ministira muummee ergaa karaa fuula marsariitiisaanii dabarsaniin, har’a eebba barattoota inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaatti baatii gannaa leenjii fudhachaa turaniirratti argamneerra jedhaniiru.

Waggoottan sadan darban mootummaan guddattoonni boru biyya fudhatan teeknooloojii hubannoo namtolcheef fedhii qabaatanii akka guddatan leenjiin kennamaa jira jedhaniiru.

Kun ammoo bara waliin kan deemuu fi warraaqsa hubannoo namtolchee waliin kan walsimu misooma biyyaa fi ijaarsa dhalootaa uumuuf nidandeessisa jechuun ibsaniiru.

Leenjiin guddattootaaf kennamaa jiru kun teeknooloojii fayyadamuun yaadota kalaqaa rakkoo furan akka maddisiisanii fi damee Kanaan sadarkaa idil addunyaatti dorgomtoota akka ta’an kan kaayyeffatedha jechuun ibsaniiru.

Hojiin gama hundaan dhaloota baratee fi dammaqe uumuuf ittijirru cimee kan ittifufu yoo ta’u, hooggantoonni inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa karoorri kun akka dhugoomu tattaaffii taasisan galateeffachuun fedha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015