Tamsaasa Kallatti:

Qabxiin Qormaata biyyaalessaan galmeessine fuuladuratti Barnoota fooya’aa barachuun biyya keenya tajaajiluuf nu kakaaseera

Fulbaana 09/2018(TOI)-Qabxiin Qormaata biyyolessaa kutaa12ffaan galmeessine fuulduratti Barnoota Fooya’aa barachuun biyya keenya tajaajiluufnu kakaaseera jechuun Barattooni  Mana Barumsaa Bulti Addaa Ifa Boruu Sadarkaa 2ffaa Ambootti qabxii olaanaa galmeessan dubbatan.

Barattoota Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaan qabxii olaanaa galmeessan keessaa barattoonni Mana Barumsa Bultii Addaa Ifa Boruu sadarkaa 2ffaa Amboo keessatti argamu.

Qormaatichaan Saayinsii Uumamaan Barataa Oliyaad Gizaachoo qabxii 577 fidee fi Saayinsii Hawaasaan Barataan Caalaa Gaarumaa qabxii 562 galmeesse  Barattoota Mana Barumsaa kanaati.

Barataa Oliyaad qabxii kanaaf kan ga’e, kutaa 9 irraa eegalee xiyyeeffannoosaa hunda Barnootarra godhachuusaan ta’uu dubbateera.

Qormaaticha qabxii fooya’aa fiduuf karoorfatee yeroo Barnootaa fi Qo’annaasaa sirnaan adda baasuun qophaa’aa turuusaa eeruun, Barsiisonnii fi Manni Barumsaa deeggarsa taassisaafii  akka turan  ibseera.

Qabxiin Qormaatichaan galmeesse galaa haamlee guddaa naaf ta’eera, gara fuulduraatti Barnoota Sooftiweer Injiinaringii Barachuun biyya koo tajaajiluuf qophaa’eera  jedheera.

Kan biraa barataa Caalaa Gaarummaa qabxii fiduusaatiif haalli kenniinsa Barnootaa Mana Barumsichaa fi deeggasi barsiisotaa qooda guddaa qaba jedhaniiru.

Yeroosaa guutuu barnootaaf kennuun qormaatichaaf qophii taassisaa turuu kan dubbate barataa Caalaan Kitaabilee Barnootaa fi wabiilee sirnaan dubbisaa turuu  dubbateera.

 Gara Fuulduraatti Turtiisaa Yuunivarsiitiin Barnoota Diinagdee barachuun biyyasaaf qoodasaa gumaachuuf karoorsuu  ibseera.

Daaraekteerri Mana Barumsaa Bultii addaa sadarkaa 2ffaa Amboo Xannaa Fayyisaa gamasaaniin, Mana Barumsichaatti Qormaata biyyoolessaa kan fudhatan Barattootni 147 qabxii fooyya’aa galmeessaniiru jedhaniiru. 

Kanaanis damee saayinsii Uumamaan Barattopota Qormaata fudhatan 130 keesaa Barattoonni 122 qabxii 500 ol kan galmeesan yoo ta’u, damee Saayinsii Hawaasaan immoo   barattoota 17 keessaa  barattoonni  13 qabxii  500  ol  fiduusaanii  ibseera.

Manni Kitaabaa fi kutaan yaalii Mana Barumsichaa meeshaalee galtee barnootaan kan guutaman  waan ta’eef qabxii fooyya’aa akka galmeessan isaan gargaaruu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015