Tamsaasa Kallatti:

Ijaarsi Hidha Haaromsaa Milkaa’inaan  Xumuramuu sababeeffachuun hiriirri deeggarsa ummataa Magaalaa Boongaatti gaggeeffamaa jira

Fulbaana 09/2018(TOI)-Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa guddichi milkaa’aainaan xumuramuu ilaalchessee Naannoo Ummatttoota Kibba Lixa Itiyoophiyaa Magaalaa Boongaatti hiriirri deeggarsa ummataa gaggeeffamaa jira.

 Bulchaa Naannichaa Dr. Injiinar Nagaash Wageeshoo dabalatee Qondaaltonni olaanoon Naannichaa sirna hiriiraa deeggarsaa sadarkaa naannootti Mata Duree “Gamtaan dandeenyeera” jedhuun gaggeeffame irratti argamaniiru.

Jiraattonni naannichaa bakkeewwan hundarraa walitti dhufan hiriira deeggarsaa kanaratti hirmaachaa jiru.

Hiriirri deeggarsaa kun gandoota, Aanaalee, Godinaa fi Magaalota naannichaatti  gaggeeffamaa turee  guyyaa har’aa sadarkaa naanootti Addabaabaayii Magaalaa Boongaatti  gaggeeffamaa jira. 

Hirmaattoni hiriirichaa milkaa’ina Hidhichaaf gammachuu itti dhagahame ibsachaa, ergaawwan Hidha keenya humna keenyaan ijaarrachuun keenya utubaa tokkummaa fi walooma keenyaati jedhanii fi kana fakkaatan biroon darbaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015