Kaawunsiliin Industirii oomishtootaa biyyaalessaa Zoonota dinagdee addaa daawwate - ENA Afaan Oromoo
Kaawunsiliin Industirii oomishtootaa biyyaalessaa Zoonota dinagdee addaa daawwate

Fulbaana 09/2017(TOI)-Kaawunsiliin Industirii oomishtootaa biyyaalessaa ambaasaaddar Girmaa Birruun durfamu Zoonota dinagdee addaa daawwachaa jira.
Gorsaan dinagdee Gooroo ministira muummee fi walitti qabaan Kaawunsilichaa ambaasaaddar Girmaa Birruu, ministirri Industirii Malaakuu Allebal, miistirri qonnaa Addisuu Araggaa, pirezidaantiin baankii misoomaa Itiyoophiyaa Dr. Immabeet Mallasaa, hojii raawwachiisaan olaanaa korporeeshinii misooma paarkiiwwan industirii Dr. Fissahaa Yittaagasuu fi hooggantoonni dhaabbilee miseensa Kaawunsilichaa daawwannaa dirree kanarratti argamaniiru.
Kaayyoon daawwannaa kanaa haala Industiriiwwan oomishtootaa irra jiran ilaaluun rakkoolee jiraniif qindoominaan furmaata kennuuf akka ta’e de’eetaan ministira Industirii Taarragany Bulultaa ibsaniiru.
Miseensonni Kaawunsilii Industirii oomishtootaa daawwannaasaanii zoonota dinagdee addaa Boolee Lammii fi Qilinxootti eegalaniiru.
Carraalee, rakkoolee mudachaa jiranii fi kallattiiwwan furmaataa zoonota dinagdee addaatti fudhatamaa jiran ilaalchisuun ibsi taasifameeraaf.
Hooggantoonni zoonii dinagdee addaa Boolee Lammii fi Qilinxoo ibsa taasisaniin bakka hojii diizaayinii ofiisaaniin hojjetanii dafanii hojii akka eegalan deeggarsi taasifamaafii akka jiru himaniiru.
Rakkooleen bishaan, anniisaa elektiriikii fi daangaa kabachiisuun walqabatanii jiran akka furamaniif gaafataniiru.
Kaawunsilichi zoonota dinagdee addaa garagaraa akka daawwatan ministeerri industirii TOI’f ibseera.