Daneessummaan kan miidhagee fi goota misoomaa kan ta’e naannoon kibba Itiyoophiyaa injifannoo hidha haaromsaa misooma biroon dabaluuf kaka’eera-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa - ENA Afaan Oromoo
Daneessummaan kan miidhagee fi goota misoomaa kan ta’e naannoon kibba Itiyoophiyaa injifannoo hidha haaromsaa misooma biroon dabaluuf kaka’eera-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa

Fulbaana 08/2018(TOI)- Daneessummaan kan miidhagee fi goota misoomaa kan ta’e naannoon kibba Itiyoophiyaa injifannoo hidha haaromsaa misooma biroon dabaluuf kaka’eera jedhan Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa.
Gamtoomee, mari’atee misoomuu akka barruu harkasaatti kan beeku ummanni naannoo kibba Itiyoophiyaa, ergaawwan xumuram hidha haaromsaa sababeeffachuun hiriira deeggarsaan dabarse milkaa’inoonni amma har’aatti jiran osoo nundaangessiin kan caaluuf akka jabaannu humna kan nuuf kennu hiriira nagaa fi misoomaati jechuun eeran itti aanaan ministira muummee.
Hiriira Misooma har’a naannichatti argame ajandaa kan godhate barri bayyanachuu keenya bu’ura akka qabate agarsiiftuudha jechuun ibsan.