Tajaajila fayyaa fi sirna odeeffannoo dijitaala gochuuf hojjetamaa jira-Dr. Maqdas Dhaabaa - ENA Afaan Oromoo
Tajaajila fayyaa fi sirna odeeffannoo dijitaala gochuuf hojjetamaa jira-Dr. Maqdas Dhaabaa

Fulbaana 08/2018(TOI)-Tajaajila fayyaa dijitaalaan deeggaruun, raabsii dawaa fi meeshaalee waldhaansaa si’annaan akka walgahan gochuuf hojjetamaa akka jiru ministirri fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa ibsan.
Itiyoo Telekoom fi tajaajilli dhiheessii dawaa Itiyoophiyaa waliigaltee cehumsa caancala dhiheessii fayyaa dijitaalaa Ismaartii hojiirra oolchuuf dandeessisu mallatteessaniiru.
Waliigaltichi waliin gahiinsa dawaa fi meeshaalee waldhaansaa guutuu biyyaatti kan si’achiisu amansiisaa fi sirna caancala dhiheessii odeeffannoon deeggarame diriirsuuf kan akeekame ta’uun ibsameera.
Ministirri fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa wayita kana, ministeerichi tajaajila fayyaa si’ataa hawaasaa n ga’uun fi dhukkuba ittisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru ibsaniiru.
Waliigalteen har’a mallatteeffames tajaajila dawaa fi meeshaalee waldhaansaa karaa si’ataa ta’een hawaana biraan gahiif hojiiwwan jalqabaman akka cimsu eeraniiru.
Tajaajila fayyaa waliigalaa dijitaalaan deeggaruu fi odeeffannoo karaa ammayyaan qabachuuf hojjetamaa kakka jiru eeraniiru.
Daarekteerri olaanaan dhiheessii Qoricha Itiyoophiyaa Dr.Abdulqaadir Galgaloo gamasaaniin, walii galitichi hojii jijiiramaa dhaabbatichaa kan saffisiisudha jedhaniiru.
Tajaajilicha caalaatti saffisiisuu fi raabsa qorichaa teeknooloojiin to’achuuf akka dandeessisu kaasaniiru.
Chiif ofiisariin soluushinii intarpiraayizii Itiyoo-Telekoomii obbo Yohaannis Geetahuun gamasaaniin, haala walii galtichaan guutuu biyyoolessaatti waliin gahiinsi dawaa fi meeshaalee wal’aansaa kan saffisiisu ammayyaa, amansiisaa,fi cancala dhiheessii fayyaa odeeffannoon deeggaramee hojiirra ni’oola jedhaniiru.
Sirni haaraan hojiirra oolu hojmaata dhiheessii dawaa Itiyoophiyaa akka saffisiisu dubbataniiru.
Sirrummaa sirna to’annaa Qorichaa fi lakkoofsa qabeenyaa mirkaneessuuf, to’annoo qabeenyaa cimaa taassisuu fi seeraaf bitamuu mirkaneessuuf man-kuusaarraa eegalee hanga fayyadamtootaatti qulqullinaa fi ariitiin tajaajila raabsaa dawaa jiru mirkaneessuu akka danda’u eeraniiru.