Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan dachee dur durii ta’uushee raga kan bahu naannoo Affaaritti Alaabaan Itiyoophiyaa hiriira injifannoon olkaafamee ooleera-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa

Fulbaana 08/2018(TOI)- Itiyoophiyaan dachee dur durii ta’uushee raga kan bahu naannoo Affaaritti har’as Alaabaan Itiyoophiyaa hiriira injifannoon olkaafamee ooleera jedhan Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa.

Itti aanaan ministira muummee ergaa fuula marsariitii isaaniirratti barreessaniin, Affaar laftisaas namnis birmadummaa biyyaaf aarsaa kan kaffale goota ta’ee hin eeramu, ifni misoomaa irraa mul’achaa kan jiru dachee goota misoomaati jedhaniiru.

Hidhi haaromsaa xumuramuunsaa ummata Affaar misooma Itiyoophiyaaf hojjetuuf qabeenyaa fi  onnee dabalataa nita’a jechuun ibsaniiru.

Sagaleen ummata Affaar hiriira deeggarsaarratti dhaga’ame misoomaa fi nagaaf kan tumse, bara ifaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf kan akeekame akka ta’e argineerra jdhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015