Ijaarsa buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu xumura Sadaasa dhufuu jalqabuuf karoorfameera-Daandii qilleensaa Itiyoophiyaa - ENA Afaan Oromoo
Ijaarsa buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu xumura Sadaasa dhufuu jalqabuuf karoorfameera-Daandii qilleensaa Itiyoophiyaa

Fulbaana 08/2018(TOI)- Ijaarsa buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu xumura Sadaasa bara 2018 jalqabuuf karoorfamuu hojii raawwachiisaan olaanaa garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa Masfin Xaasoo ibsan.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Qaammee 4 bara 2017 hidha haaro,saa Itiyoophiyaa guddicha wayita eebbisan ijaarsi buufata Xiyyaaraa Idil addunyaa Bishooftuu pirojektoota meeggaa bara haaraatti eegalaman keessaa tokko ta’uu ibsaniiru.
Hojii raawwachiisaan garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo buufanni Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu industirii Aviyeeshinii Itiyoophiyaa boqonnaa olaanaatti akka ceesisu beeksisaniiru.
Buufanni Xiyyaaraa kun qooda adda durummaa daandiin qilleensichaa geejjiba Afriikaarratti bahachaa jiru caalaa akka guddisu dubbataniiru.
Ijaarsa buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu jalqabuuf qophiin xumuramaa akka jiru hojii raawwachiisaan olaanaa kun kaasaniiru.
Hojii ijaarsaa sdarkaa jalqabaa hojjechuuf kontiraaktaroonni fo’amaa akka jiran eeraniiru.
Ijaarsa buufata Xiyyaaraa Idil addunyaa Bushooftuu xumura baatii Sadaasaa jalqabuuf karoorfamuu dubbataniiru.
Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa waggaa tokkoo fi walakkaa darbe Booyingii fi Erbaas irraa Xiyyaara ajajuu kaasanii, kanneen keessaa A.L.A bara 2026 jajaajilarra ni’oola jedhamee kan eegamu Booyiing 777-9 akka keessatti argamu ibsaniiru.
Daandiin Qilleensichaa Xiyyaarota Booying 777-9 digdama ajaje waggaa tokkoo fi walakkaan booda fudhachuu akka eegalu ibsuun, kunis daandii qilleensichaa, daandiiwwan xiyyaaricha ajajan muraasa keessaa tokko isa taassisa.
Daandiin qilleensichaa Xiyyaarota ammayyaa fayyadamuun hojmaatasaa si’eessaa jiraachuu ibsuun, ajajni Booyingii haaraa kunis qaama kanaa ta’uu beeksiseera.
Hojii Raawwachiisaan olaanaa Baankii Invastimantii Siibi’ii kaappitaalaa Zamadeneh Nigaatuu gamasaaniin daandiin Qilleensaa Idil-Addunyaa Bishooftuu galma daandiin qilleensichaa qabateef bu’uura ta’uu ibsaniiru.
Imaltoota addunyaarraa gara Afriikaa dhufan akkasumas Afriikaarraa gara Biyyoota Addunyaa birootti deemaniif seensi inni tokko buufata xiyyaara Idil-Addunyaa Boolee ta’uu eeraniiru.
Imaltoonni Miiliyoona 25 daandii Qilleensaa kan keessa akka darban ibsuun, Ijaaramuun Daandii Qilleensa Bishooftuu lakkoofsa imaltootaa gara miiliyoona 100 guddisuun Itiyoophiyaa fi Afriikaatiif faayidaa guddaa akka fidu ibsaniiru.
Biyyoota buufata xiyyaaraa gurguddaa qabn waliin dorgomuuf akka danda’us ibsniiru.
Bu’uuraaleen misoomaa Buufata Xiyyaaraa gurguddoon biyyoota garagaraa keessatti guddina Dinagdeef bu’uura ta’uu ibsuun, buufanni xiyyaaraa Bishooftuus dinagdee Itiyoophiyaa akkasumsa Afriikaa guddisuuf dandeettii akka qabaatu hubachiisaniiru.