Cimee Hojjechuu kotiin qabxiin argadhetti Gammadeera - ENA Afaan Oromoo
Cimee Hojjechuu kotiin qabxiin argadhetti Gammadeera

Fulbaana 08/2018(TOI)-Milkaa’ina Kaayyoosheetiif cimtee hojjechuusheetiin qabxii argattetti gammaduushee Dirree Dawaatti barattuu Mana Barumsaa Immabeetaachiin Afoomiyaa Gashuu ibsite.
Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2017 qabxii olaanaa kan galmeessan keessaa Dirree Dawaatti barattuu Mana Barumsaa Immabeetaachiin kan taate Afoomiyaa Gashuu ishee tokko.
Barattuun kun cimtuu, naamusaan kan guutamtee fi namoota biroof fakkeenya ta’uunshee, qabxiin fidde kan eegamu ta’uu barsiisotashee nidubbatu
Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa Ifoomuusaa hordofee Barattoonni qabxiisaanii ifatti beekanii gahumsasaanii itti aanu tilmaamaa jiru.
Barattoota kana keessaa akka biyyaa fi Diree Dawaatti barattoota qabxii olaanaa galmeessisan keessaa barattuu Mana Barumsaa Immabeetaachiin Afoomiyaa Gashuu ni eeramti.
Barattuun kun qabxii walii galaa 600 keessaa 574 galmeessisuun Diree Dawaarra adda duree ta’uu dandeesseetti.
Barattuu Afomiyaan Gashuu qabxiin galmeessiste Cimtee hojjechuusheen, bu’aa dadhabbiishee ta’uu TOI’f ibsiteetti.
Teekinooloojii Dijiitaalaa Beekumsa barnootaa gabbifachuuf akka fayyadamtu eeruun, barnootashee naamusa guddaan hordofuusheen bu’aa miidhagaaf akka ishee gargaare dubbatteetti.
Maatiinshee fi deeggarsi fi hordoffiin barsiisotaa bu’aa qabxii miidhagaa kanaaf olaanaa ta’uu kan ibsite barattuu Afoomiyaan, keessumaa dubartoonni bu’aa fimilkaa’ina kaayyoosaanii egereef yeroo fi humnasaanii Barnootaaf kennuu akka qaban muuxannooshee qooddeetti.
Damee saayinsii fi teekinooloojiitiif fedhii guddaa qabaachuusee kan ibsite barattuun kun, fuulduratti toora kanatti beekumsaa fi dandeettii fooyya’aa qabachuun mataashee fi maatiisheerra darbitee hojii biyyaaf fayyadu akka milkeessitu dubbatteetti.
Milkaa’ina kaayyookootiif cimee hojjechuu kootiin qabxiin argadhetti gammadeera jetti Afoomiyaan.
Barattoonni milkaa’oo fi dhaloota biyya ijaaran akka ta’aniif hordoffii fi deeggarsi maatii cimaan qooda olaanaa qabaachuu kan ibsan immoo abbaa barattuu Afoomiyaa Gashuu Muluuti.
Ijoollumaasheerraa eegaltee barnootaaf xiyyeeffannoo addaa akka kennituu fi akka milkooftuuf akka maatiitti qooda keenya baaneerra, Barsiisotashee waliin kan facaafne bu’aasaa gammachuun haammanneera, kanaattis gammanneera jedhaniiru.
Barattuu Afoomiyaa Gashuu barnootasheerratti dadhabe, nuffe osoo hin jedhiin barattuu kaayyoo qabdu ta’uushee kan ibsan immoo Barsiisaa Barnoota Fiiziksii fi to’ataa dareeshee kan ture barsiisaa Haayilemariyam Rattaa ti .
Barattuun kun naamusa gaarii gahumsaa fi cimina waliin qabachuun fakkeenyummaan kan eeramtu barattuu sadarkaa ta’uushee ibsaniiru.
Itti Aanaan Daarektara Mana Barumsaa Immabeetachiin obbo Bayyanaa Daggafaa , barattuu Afoomiyaan qabxii olanaa akka fiddu hundisaanii kan eegan ta’uu dubbataniru.
Barattuun kun gara fuulduraatti damee Teekinooloojiin hojii biyya waamsisu akka hojjettu abdii guutuun dubbachuu nan barbaada jedhaniiru.
Barattoonni bara kana naamusaan qulqullaa’anii akka barattuu Afoomiyaa bu’aa qabeessa akka ta’aniif maatiin barsiisota waliin qindaa’anii hordoffii fi deeggarsa gochuu akka qaban ergaa dabarsaniiru.