Xumuramuun hidha haaromsaa injifannoo guddaa Afriikaanonni deebi’anii akka dadammaqan kan taasisedha-Ministeera dhimma alaa - ENA Afaan Oromoo
Xumuramuun hidha haaromsaa injifannoo guddaa Afriikaanonni deebi’anii akka dadammaqan kan taasisedha-Ministeera dhimma alaa

Fulbaana 08/2018(TOI)- Xumuramuun hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaa miira nidanda’amaa jecharraa gochatti jijjiire injifannoo guddaa Afriikaanonni deebi’anii akka dadammaqan kan taasise ta’uu dubbi himaan Ministeera dhimma alaa ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo ibsan.
Dubbi himaan ministeera dhimma alaa ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo hariiroon dhimma maalirra akka jiru ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Ambaasaaddar Nabiyaat ibsa kennaniin, hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa eebbifamuunsaa xiyyeeffannoo hawaasa addunyaa fi miidiyaalee idil addunyaa hawateera jedhan.
Hidhichi xumuramuunsaa milkaa’inni dippilomaasii Itiyoophiyaa kan itti mul’atee fi Afriikaanonni deebi’anii akka dadammaqan kan isaan taasise ta’uu dubbataniiru.
Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi miirri nidanda’amaa jecharraa gochatti kan itti jijjiirame ta’uu kaasanii, Itiyoophiyaan muuxannoo hooggansa pirojektii bu’a qabeessa pirojektii jalqabanii xumuruu kanneen biroof kan qooddu ta’uu ta’uu ibsaniiru.
Xumuramuun hidha haaromsaa Itiyoophiyaan shoora dippilomaasii Itiyoophiyaan Afriikaa fi riijinichatti bahachaa jirtu kan guddisudha jedhaniiru.
Ambaasaaddar Nabiyaat ibsasaaniin yaa’ii jijjiirama haala qilleensaa Afriikaa lammaffaa fi walgahii hawaasa biyyoota Afriikaa-Kaariibiyaan irratti hojiilee bu’a qabeessa raawwachuushee dubbataniiru.
Itiyoophiyaan bu’aalee yaa’ii sirna nyaataa addunyaa dabalatee taateewwan idil addunyaa Finfinneetti taa’aman irraa argaman qindeessitee akka dhiheessitu eeraniiru.
Yaa’ii dhaabbata mootummoota gamtoomaniin cinaatti mariilee tumsa cimsan akka taasiftu eeraniiru.