Bulchiinsa magaalichaatti qonna gannaatiin lafa heektaara kuma 16 irratti Xaafiin kilaastaraan misoomeera - ENA Afaan Oromoo
Bulchiinsa magaalichaatti qonna gannaatiin lafa heektaara kuma 16 irratti Xaafiin kilaastaraan misoomeera

Fulbaana 08/2018(TOI)- Bulchiinsa magaa Adaamaatti qonna gannaa baranaatiin lafa heektaara kuma 16 irratti Xaafiin kilaastaraan misoomuusaa waajjirri qonnaa magaalichaa ibse.
Hoogganaan waajjirichaa obbo Alamuu Qilxuu akka ibsanitti, bulchiinsa magaalichaatti wabii nyaataa mirkaneessuun lafti qonnaa ala jiru oomishatti akka galu taasifameera.
Haala Kanaan maaddii guutuun cinaatti qonna qotamaa jiruun qonnaan bulaa fi jiraataan akka fayyadamu hojjetamaa jira jedhaniiru.
Bara oomishaa eegalames oomisha kilaastaraa babal’isuurra darbee fayyadama qonnaan bulaa mirkaneessuuf lafa heektaara kuma 16 irratti Xaafiin misoomaa jira.
Oomishtummaa Xaafii guddisuuf jiddugaloota qorannoo waliin ta’uun qonnaan bultoota magaalichaaf cehumsi beekumsaa, muuxannoo fi teeknooloojii taasifamuu eeraniiru.
Keessumaa sanyiiwwan bu’a qabeessa ta’anii fi qorannoon mirkanaa’an, dhiheessii galtee fi sanyii filatamaa xiyyeeffannoon raawwatamuu ibsaniiru.
Oomishtummaa midhaanii guddisuuf deeggarsii fi hordoffii walirraa hincinne taasifamaa akka jiru eeranii, Xaafii kilaastaraan oomishamerraa heektaararraa jiddugaleessaan kuntaala 26 amma 28 akka abdatamu himaniiru.
Misooma Xaafiin cinaatti midhaan biroonis lafti heektaara kuma 25 caalu facaafamuu eeranii, Boqqoolloon heektaara kuma 4 caalu fi Boloqqeen diimaa heektaara kuma 2 irra kilaastaraan misoomuu dubbataniiru.
Yeroo gannaatti roobni gaariin waan jiruuf dhaabbiin midhaanii haala gaariirra akka jiru ibsaniiru.
Hooggantoonni biiroo qonnaa naannichaa tibbana hojii misooma qonnaa bulchiinsa magaalaa Adaamaatti hojjetamaa jiru daawwachuunsaanii niyaadatama.