Tamsaasa Kallatti:

Xumuramuu hidha haaromsaa ilaalchisuun mata duree “gamtaan dandeenyeerra” jedhuun hiriirri deeggarsaa magaalaa Walaayittaa Sooddootti gaggeeffamaa jira

Fulbaana 08/2018 (TOI)- Xumuramuu hidha haaromsaa ilaalchisuun mata duree “gamtaan dandeenyeerra” jedhuun hiriirri deeggarsaa magaalaa Walaayittaa Sooddootti gaggeeffamaa jira.

Bulchaan naannoo kibba Itiyoophiyaa Xilahun Kabbadaa fi hooggantoonni olaanoo naannichaa kan argaman yoo ta’u jiraattonni magaalichaa fi naannawaa ganamarraa eegalanii Istaadiyeemii hunda galeessa Walaayittaa Sooddootti argamanii gammachuusaanii ibsachaa jiru.

Hiriirtonni dhaadannoowwan hidhi haaromsaa ashaaraa badhaadhina keenyaati, gamtaan dandeenyeerra, hidharraa gara buufataatti jedhanii fi kanneen biroo qabatanii bahaniiru.

Waloomaa fi tokkummaa ijaarsa hidha haaromsaarratti mul’ate eegsisuuf hojiilee misoomaa biroorratti milkaa’inoota itti fufsiisuuf carraaquu akka qaban kaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015