Naannoo Jiddugala Itiyoophiyaatti hiriirri deeggarsa ummataa Kilaastara Walqixxee gaggeeffamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Jiddugala Itiyoophiyaatti hiriirri deeggarsa ummataa Kilaastara Walqixxee gaggeeffamaa jira

Fulbaana 08/2018 (TOI)-Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi xumuramuu ilaalchisuun Naannoo Jiddugala Itiyoophiyaatti hiriirri deeggarsa ummataa Kilaastara Walqixxee gaggeeffamaa jira.
Hiriirtonni dhaadannoowwan garagaraa qabachuun ganamarraa kaasee daandii fi addababayii bahuun gammachuusaanii ibsachaa jiru.
Dhaadannoowwan Hidhi haaromsaa mallattoo bayyanachuu Itiyoophiyaati, faajjii injifannoo dhaloota bara Abbaayi, milkaa’inni hidhichaa pirojektoota biroorrattis nidabalama jedhanii fi kanneen biroo qabatanii bahaniiru.
Sadarkaa itti aanaa bulchaatti qindeessaan kilaastara bu’ura misoomaa fi hoogganaa biiroo geejjibaa fi misooma daandii naannoo jiddugala Itiyoophiyaa Dr. Mahaammad Nuuriyyee dabalatee hooggantoonni naannoo fi godinaa, hojjettoonni mootummaa fi kutaaleen hawaasaa garagaraa hiriira kanarratti argamaniiru.