Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi xumuramuu sababeeffachuun naannoo Kibba Itiyoophiyaa magaalaawwan garagaraatti hiriirri deeggarsa ummataa gaggeeffamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi xumuramuu sababeeffachuun naannoo Kibba Itiyoophiyaa magaalaawwan garagaraatti hiriirri deeggarsa ummataa gaggeeffamaa jira

Fulbaana 08/2018 (TOI)-Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi xumuramuu sababeeffachuun Naannoo Kibba Itiyoophiyaa magaalaawwan garagaraatti hiriirri deeggarsa ummataa gaggeeffamaa jira.
Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi Qaammee 4 bara 2017 eebbifamuunsaa ni yaadatama.
Kana sababeeffachuun biyyattii bakkeewwan garagaraatti ummanni gammachuu fi deeggarsa ibsachaa tureera.
Guyyaa har’aas Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti
jiraattonni magaalaawwan garagaraa addababayii bahuun waloomaan gammachuusaanii ibsachaa jiru.
Hiriirtonni ergaawwan garagaraa tokkummaa tokkummaa, cimina, gootummaa Itiyoophiyaa, akkasumas fayyadama waloo agarsiisan dabarsaa jiru.
Ergaawwan hidhi keenya bu’ura sabdaneessummaa fi tokkummaa keenyaati, hidhi keenya agarsiiftuu bayyanachuu Itiyoophiyaati, gamtoomnee dandeenyeerra, xumurree agarsiifneerra jedhan dhageessifamaa jiru.
Akkasumas jiraattonni hidhichi bu’aa cimina gaggeessummaa mootummaa fi gamtoominaati, tokkummaa hidhicharratti agarsiifne pirojektoota misoomaa biroorratti nidaballa jechuun deeggarsa qaban ibsachaa jiru.