Tamsaasa Kallatti:

Xumuramuu Hidha Haaromsa Itiyoophiyaa guddicha sababeeffachuun Hiriirri deeggarsaa Magaala Arbaaminicitti har’a ganamrraa eegalee gaggeeffamaa jira

Fulbaana 08/2018(TOI)- Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa guddicha Xumuramee eebbifamuu  sababeeffachuun Hiriirri deeggarsaa Magaala Aarbaaminicitti har’a ganamarraa eegalee gaggeeffamaa jira.

Jiraattonni Magaalichaa  Ganamarraa eegalanii gara addabaabaayiitti bahuun  Gamtaan dandeenyeerra, xumurree argisiisneerra, Abbay Itiyoophiyaarra darbee , uummata Gurraacha  hundaaf  boonsaadha, Abbay Aasxaa waloo keenyaadha, Hidhi keenya Adwaa keenya 2ffaadha, kan jedhanii fi ergaawwan  kanneen biroo dabarsaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015