Yeroon dhimma Abbaayirratti gaabbinu raawwatee mirgi qabeenya uumamaa keenya misoomsuun haqa qabeessaan fayyadamuu danda’uun milkaa’ina biyyaalessaa isa guddaadha - ENA Afaan Oromoo
Yeroon dhimma Abbaayirratti gaabbinu raawwatee mirgi qabeenya uumamaa keenya misoomsuun haqa qabeessaan fayyadamuu danda’uun milkaa’ina biyyaalessaa isa guddaadha

Fulbaana 07/2018(TOI)-Yeroon gaabbii Abbaayi raawwatee mirgi qabeenya uumamaa keenya misoomsuun haqa qabeessaan fayyadamuu danda’uun milkaa’ina biyyaalessaa isa guddaa ta’uun ibsame.
Xumuramuu hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha ilaalchisuun magaalota garagaraa naannoo Oromiyaatti hiriirri deeggarsa ummataa gaggeeffamaniiru.
Hiriirri deeggarsaa kan keessatti adeemsifame keessaa Nagallee Booranaa, Jimmaa fi Mattuun keessatti argamu.
Magaalaa Nagallee Booranaatti hiriira deeggarsaarratti kan argaman keessaa Israa’eel Dubbaa, Hajjii Awwal Huseen fi Miiliyoon Andaargee, tumsa taasifneen milkaa’inaaf qaqqabuu keenyaan gammachuu keenya ibsachuuf baaneerra jedhan.
Yeroon gaabbii Abbaayi raawwatee mirgi qabeenya uumamaa keenya misoomsuun haqa qabeessaan fayyadamuu danda’uun biyya keenyaaf milkaa’ina guddaa waan ta’eef itti boonneerra jedhan.
Bulchaan godina Boorana Bahaa Abdurazaaq Huseen, hidhi haaromsaa eebbaaf qaqqabuunsaa duula hiyyummaarratti eegalame mo’achuun guddinaa fi bayyanannaa dhugoomsuuf bu’urri cimaan jiraachuusaa kan agarsiisu ta’uu kaasaniiru.
Bulchaan magaalaa Nagallee Booranaa Obbo Mallicha Diiqaa gamasaaniin, milkaa’inni ijaarsa hidha haaromsa gaabbiin bara dheeraa kan itti goolabame, carraaqqiin maraammartoo beelaa jalaa bahuuf taasifamu milkaa’aa dhufuusaa kan mirkaneessu ta’uu dubbataniiru.
Haala wal fakkaatuun jiraattonni magaalaa Jimmaa fi godinichaa barii barraaqaan bahanii hiriira deeggarsaa magaalaa Jimmaatti gaggeeffamerratti hirmaataniiru.
Hirmaattota keessaa obbo Saabir Abbaazinaab fi adde Shukurii Ammaawalii, ijaarsi hidha haaromsaa dhamaatii fi bu’aa bayii meeqa keessa darbee xumuramuusaatti gammanneerra jedhan.
Saganticharratti dubbii kan dubbatan bulchaan godina Jimmaa obbo Tiijaanii Naasir, adeemsi ijaarsa hidhichaa cichoomnii fi tokkummaan sabdaneessummaa kan keessatti mul’atedha jedhaniiru.
Kantiibaan magaalaa Jimmaa obbo Xahaa Qamar, ujaarsi hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi yeroon gaabbii goolabamee yeroo milkaa’inaa fi bayyanachuurra gahuu keenya kan agarsiisedha jedhaniiru.
Jiraattota hiriira deeggarsaa Mattuurratti argaman keessaa obbo Tasammaa Abbabaa fi obbo Admaasuu Kabbadaa, ijaarsi hidhichaa xumuramuusaaf gammachuu keenya waloomaan ibsachuuf addababayii baaneerra jedhaniiru.
Bulchaan godina Iluu Abbaaboor obbo Indaalkaachoo Tafarii saganticharratti akka jedhanitti, ijaarsi hidha kanaa qabeenya biyyaa waloomaan misoomsuun fayyadama waloo mirkaneessuun akka danda’amu qabatamaan kan itti mirkaneessinedha.
Kaayyoo tokkoof waloomaan yoo dhaabanne rakkoon hindarbine, karoorri misoomaa hinmilkeessine akka hinjirre kan mirkaneessu Ta’uu kaasaniiru.
Kantiibaan magaalaa Mattuu obbo Tashaalaa Ejersoo gamasaaniin, tokkummaan sabdaneessummaa fi milkaa’inni misoomaa hidha haaromsaarratti mul’ate kanneen biroorrattis akka ittifufu waliin dhaabachuu qabna jedhaniiru.