Tamsaasa Kallatti:

Hiriirri deeggarsaa naannoo Oromiyaa magaalota garagaraa keessatti gaggeeffame gammachuun gamatti dandeettii tumsaan raawwachuu kan agarsiisudha-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa

Fulbaana 07/2018(TOI)- Hiriirri deeggarsaa naannoo Oromiyaa magaalota garagaraa keessatti gaggeeffame gammachuun gamatti dandeettii tumsaan raawwachuu kan agarsiisudha jedhan Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa.

Ministirri muummee amasgeen Xurunaa hiriira deeggarsaa ilaalchisuun ergaa fuula marsariitiisaaniirratti dabarsaniin ummata naannoo Oromiyaa akka qaroo ijaatti uumama kunuunsuu fi misoomsuu beekuuf Hidhi haaromsaa hiikoo addaa qaba jedhaniiru.

Bishaan Oromoof jireenya, aadaa, seenaa fi duudhaa ummatummaa isaa keessatti walitti hidhata guddaa kan qabu bifa eenyummaasaati jechuun ibsaniiru.

Hiriirri deeggarsaa hidha haaromsaa laga keenya guddaa Abbaayirratti ijaarame har’a  naannoo Oromiyaa magaalota garagaraatti gaggeeffame gammachuun gamatti dandeettii tumsaan raawwachuu akka agarsiisu eeraniiru.

Sagaleewwan hiriira deeggarsaarraa dhagahamanis misooma yaaduun nagaa barbaachuu, fedhii ida’amuudhaan bara bayyanachuu Itiyoophiyaa injifannoowwan hedduun cimsuu  akka ta’an arguun danda’ameera jedhan itti aanaan ministira muummee ergaasaaniitiin.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015