Ijaarsi hidha haaromsa Itiyoophiyaa guddichi milkaa’inaan xumuramuunsaa agarsiiftuu danda’uu keenyaa fi tokkummaa keenyaati - ENA Afaan Oromoo
Ijaarsi hidha haaromsa Itiyoophiyaa guddichi milkaa’inaan xumuramuunsaa agarsiiftuu danda’uu keenyaa fi tokkummaa keenyaati

Fulbaana 07/2018 (TOI)- Ijaarsi hidha haaromsa Itiyoophiyaa guddichi milkaa’inaan xumuramuunsaa agarsiiftuu danda’uu keenyaa fi tokkummaa keenyaati jedhan kutaaleen hawaasaa garagaraa godina Baalee.
Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa milkaa’inaan xumuramuusaa ilaalchisee hiriirri deeggarsaa kutaaleen hawaasaa garagaraa magaalaa Roobee fi aanaalee godina Baalee hundarra walitti dhufan irratti hirmaatan magaalaa Roobeetti gaggeeffameera.
Jiraattonni hiriira deeggarsaarratti hirmaatan daandii gurguddoo malaagichaarra erga naanna’anii booda sagantaan xumuraa Istaadiyeemii Madda Walaabuutti gaggeeffameera.
Hirmaattota keessaa adde Makkoo Hajjii Adam, hidhi haaromsaa milkaa’inaan xumuramuusaatiin gammachuu ibsachuuf hiriira bahuusaanii ibsaniiru.
Milkaa’ina boonsaa kana pirojektoota misoomaa birootiin dabaluuf hirmaannaa akka cimsan beeksisaniiru.
Itiyoophiyaan qormaata hedduu dabartee hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha milkaa’inaan xumuruusheetti gammaduu kan ibsan ammoo Abbaa Gadaa Mahaammadhuseen Buddeeti.
Milkaa’ina kana yaadachuurra darbee karoora misoomaa biroo xumuraan gahuuf caalaa kan nama kakaasu ta’uu dubbatanii, ijaarsi hidhichaa milkaa’inaan xumuramuunsaa agarsiiftuu gamtaan danda’uu fi tokkummaa keenyaati jedhaniiru.
Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Roobee obbo Diinoo Amiin gamasaaniin, hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddchi hidharra darbee asxaa agarsiiftuu tokkummaa biyyaa fi bu’aa boonsaati jedhaniiru.
Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaan miira nidanda’amaa irra deebitee kan itti agarsiifte milkaa’ina seenaan yaadatu ta’uu kan dubbatan ammoo bulchaa godina Baalee obbo Abdulhakiim Aliyyiidha.
Kutaleen hawaasaa godinichaa tokkummaa hidha haaromsaarratti agarsiisan cimsuun qoodasaanii akka bahan gaafataniiru.
Saganticharratti kan argaman itti aanaan hoogganaa biiroo jallisii f misooma horsiisee bulaa Oromiyaa obbo Roobaa Turchee akka jedhanitti, xumuramuun hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaa agarsiiftuu asxaa fi agarsiiftuu mallattoo biyyaati jedhan.
Milkaa’ina xumuramuu hidha Kanaan argame hojiilee misoomaa biroorratti dabaluuf hundi tumsuu qaba jechuun ibsaniiru.